Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dirqisiisamnee Lafa Qonnaa Keenya irraa Kaafamne Jedhu Qonaan Bultoonni


Qonnaan Bultoonni Laga Xaafoo Laga Daadhii dirqisiisamanii lafa qonnaa isaanii irraa ka’aa jiran jechuu dhaan miseensi mana maree dhaabbataa kan Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Siisaay Lammaa Ibsanii jiru.

Qonnaan bultoonni kun lafa isaaniitiif beenyaan argatan ga’a miti. Lafa xiqqoon isaan harkatti hafe illee kan Kaartaa irraa hin qabne waan ta’eef yeroo barbaachisetti irraa kaafamuu malu jedhan qonnaan bultoonni kun.

Beenyaa ga’aa hin taane illee fudhachuu yoo didan hidhaatti kan naqaman ta’uu qonnaan bultoonni kun dubbataniiru. Miseensonni hawaasa Laga Xaafoo Laga Daadhii kanneen mirga keenyatu dhiitame jechuun gaafii lafaa kaasan illee to’annaa jala ooluu isaanii obbo Siisaay ibsaniiru.

Gaaffii fi deebii guutummaa isaa mallattoo armaan gadii tuquun dhaggeeffadhaa.

Gaaffii fi Deebii
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:15 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG