Xurree ittiin seenan

Breaking News

New York fi New Jersyn balaa Hobomboleettii irraa Dandammataa Jiran


Hobomboleettiin "Sandy" jedhamtu manneen mancaaste
Hobomboleettiin "Sandy" jedhamtu manneen mancaaste
Lammiiwwan Ameerikaa kanneen hobomboleettii hamtuu gidduukanaan miidhaan irra ga’e kan gargaaraman ta’uu abdachiisan. Naannolee akka hamaatti hobomboleettii Sandy jedhamtuun dha’aman keessumaa kan akka Ny fi New Jersey keessatti tattaaffiin baraarsaa kaleessa eegalee jira. Yoo xiqqaate namoonni 40 ta’an balaa kanaan lubbuu dhabanii jiru Gabaasa margaret Basheer fi Adam Phillips NY irraa gabaasaniiru.

president Barack Obaman waajjira guddaa waldaa fannoo diimaa america kan washinton jiru irraa haasaa dhageessisaniin biyyattiin kanneen bubbee kanaan miidhaman cina ni dhaabbattee akka dandammatanifis ni gargaarti jedhan.


Keessumaa NY, New Jersey fi Connecticut kanneen uummanni miliyoonaan laka’aman ibsaa fi tajaajilli geejjibaa addaancite akkasumas daandiwwan manca’anii mukkeetiin jjigan keessatti gargaarsa guddaatu barbaachisa.

Magaalaa Ny keessaa bakka Queens jedhamu keessaa manneen jireenyaa 80 ta’antu miidhaan irra ga’e ykn ibiddi bubbee sanaan wal qabateen manca’an.

Bulchaan magaalaa Ny Michael Bloomberg akka jedhanttii uummati magaalattii miliyoona saddeetii ol ta’an hojii isaanii guyyuu akka duraaniitti itti fufuuf guyyoota hedduu fudhata. Daandiiwwan baaburaa lolaan irra danbala’iee baaburre geejjibaa illee miidhamaniiru. Jiraattonni NY kanneen kuma 750 ta’anis ibsaa dhabanii jiran.

Gabaasa guutuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:06 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG