Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faca’inni vayrasii HIV gad cabeera


waggaa waggaan Muddee 30 sadarkaa addunya- tti kabajamee kan oolu guyyaa Eedsii sababii gochuu dhaan Obbo Biraanuu Fayisaa Daayreekteera o laanaa waajiira mootumaa federaalaa kan ittisaa fi to’annoo HIV AIDSii ibsa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf kennaniin lakkofsi namoota vaayrasii HIV-n haaraa qabamanii Itiyoophiyaa keessatti harka sagaltamaan gad cabuu isaa ibsan.

Hubannoo uummanni waa’ee dhukkuba Eedsii qabu dabalaa dhufuun milka’iina argame kanaaf gumaachuu isaa ibsanii gara fuula duraattis jabinaan hojjachuun barbaachisaa ta’uu Obbo Biraanuu Fayisaa hubachisanii jiru.

Gama kaaniin waajiraalee waa’ee dhukkuba Eedsii irratti hojjatan cufamaa jiru maallaqni gargaarsaan Gloobaal Fand irraa argamu kallattiin namoota abbaa dhimmaa ta’an dhaqqabaa hin jiru jechuun himannaanlee dhga’aman Obbo Biraanuun soba jedhu.

HIV AIDS gaaffii fi deebii kutaa 1ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:15 0:00
Xurree marsariitii

HIV AIDS gaaffii fi deebii kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:48 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG