Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fu’aad Ibraahim,Gurbaa ‘OSFNA’ Keessatti Guudate Kaan Dorgommii Waancaa Afrikaatii Filatan


FU'AD
FU'AD
Dorgommii Waancaa Afrikaa ta baranaa biyyitii 16 walti qophaan keessaa tokko Itoophiyaa.Itoophiyaan ganna 31 duubatti amma dorgommii tanaa dabarte.Warra dorgommii tanaa jedhanii alaa yaammatan keessaa tokko Fu’aad Ibraahimiiti.Fu’aad warra Federeshiiniin Kubbaa Miilaa Oromoo Gama Kaabaa,OSFNA yayyabee addunyaa gumaache keessaa tokko.

Fu’aad yoo garee OSFNA,gara garaa keessaa taphatullee goolii hedduu galchuun beekama. Fkn Atlaantaatti goolii afur fi MN faatti ammoo goolii sadii galchuun beekama.Tanaafuu leenjisaan garee Waaliyaa, garee kubbaa miilaa Itoophiyaa jechuu,Obboo Sewunet Bishawu, Fu’ad barbaadee garee isaatii ergifate.

Dorgommii namii hedduun isan eegau tanaa qophooftee jedhee Fu'aad gaafannaan isaa fi gareen isaalleen waan dandahaniin akka qophaahan dubbate.

Woma taateefuu gareen Itoophiyaa barana nama hedduutti eegata;leenjisaa isaanii dabalee dagaggoon biyyaalleen akkanuma.Woma taateefuu Itoophiyaa Ammajii 21, Zambiyaa biyya Waancaa Afrikaa bara 2011 fudhatte taaniin waliin taphatti.Miilii jara kanaa maaluma wal tolcha me walumaan ilaallaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:31 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG