Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileeti Meseret Deffaarii fi Moh Faraha Maratoonii ‘New Orleans Rock ‘n’ Roll’ti Dorgomuuf


Maratooniin Amerikaa kutaa New Orleans ta maqaa Rock n Roll jedhamuun beekamtu dorgommii maratoonii addunyaan beekamtu gugurdoo keessaa tokko.

Dorgommii akkanaa tana baruma baraan qopheessanii ta New Orleans tun bashannanaan wal keessa.New Orleansin itti dorgoman tun lafa yoo ammaa kana qilleensii isii akka malee dansaa ta namii daawwiif itti yaahu.Dorgommii tana Gurrandhalaa 24, 2013 ganama saatii 12tti jalqabanii nama kuma 20 tahutti wal dorgoma.

Karaa irra fiigan cufa irratti baandiitti bahee sirbaa fi gammachuu akka akkaatiin nama gammachiisa.Marsaan irra fiigan laga Mississippitii haga haroo Pontchartrain gaha.Meserte ta Olympikii London ta dhiyoo waliin warqii M3000 fi M5000tti warqii gurraachuun beekamtu dorgommi akkanaa bara lamaan duratti dorgommii akkanaatiif Amrikaa kutaa Philadelphia dhufe kaan waan hedduu baradhee ammallee qilleensii akkanuma tolaa jettee abdatte.

Atileetiin beekamaan Meseret fa waliin dorgomu ammoo atileeti Moha Faaraati,nama Britsh dorgomu.Innilleen nama Olympiki London ta ganna dabree irratti M5000 FI M10,000 moohate kaan.Moohaan kun dorgommii British Grand Prix ta guyyaa dheengaddaa Birminghamitti dorgoman ta M3000 irratti moohatee ammallee ta New Orlenasilleetti moohachuuf dorgomuutti jiraa jedha.

Dorgommii walakkaa Maratoonii tana irratti namii Amerikaa fulaa bu’ee dorgomu Kara Koucher nama maratoonii km 21 tana bara 2007 irratti 1:6:57tti moohatee seenaa Amerikaa keessatti nama fiigichaan beekamu tahe.

Gama kaaniin ammoo taphataan garee Spanish Premier ka garee Barseloonaatii taphatuu Lionel Messi marroo 365 taphatee haga ammaatti goolii 301 galfatee nama gooliin akkanaa galchuun beekame tahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG