Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaatti Ilmaan Horsiisee Bulaa Kuma Heddutti Rakkoof Barnoota Dhiisa, Jedha IRIN


Akka gabaasii caasaa Tokkummaan Mootummaa dhiyoo tana baase jedhetti mootummaa fi dhaabbilee mootummaa hin tahin rakkoo tana faluuf manneen barnootaa qahuma ijoollee horiisee bulaatti jaaraniifillee rakkoon tun ammallee akkuma rakkootti jirti.

Waan ijoollee horsiisee bulaa manneen barnootaatti oofaa keessaa akka oduu IRIN bonaa fi oolaa,lola gosaa fi waan hedduu.Akka gabaasa kanaatti akka lakkofosa Itoophiyaatti bara 2004-2005 qofatti ijoollee barattoota sadarkaa tokkeessoo keessaa kuma 17tti bonaa fi rakkoolee gara garaa duraa godaanuuf barnoota dhiise.

Affaar gama Kaabaatti manneen barnootaa 15tti bisaan dhabee cufame.Cufaattii tun ammoo ijoollee 1,899 barnoota irraa hambifte,tana keessaa harkii 29 ijoollee dubraati akka oduu damee gargaarsa ilmaan namaa Tokkummaa Mootummootaa OCHAtti.
Wal dhabii gosaa ka akka naannoo Harargee gama Bahaatti Oromoo fi Somaaleelleen itti wal dhabanillee akka gabaasa kanaatti ijoollee 10,600 ta harkii 40 ijoollee dubraa tahetti barnoota isaaniitti gufuu tahe.

Ijoolleen horsiisee bulaa yoo hedduu marraa fi bisaan barbaadaaf horiin godaan,ykn ammoo yoo warri isaanii lafa sodaatee godaanu gula godaanan.
Mootummaalleen rakkoo tanaan faluuf jedhee mana barnootaa gaafa rakkoo akkanaa itti baratan ABEC jedhee qahee isaaniitti jaareefii wallaanuuniitti jira.

Minsitryn barnootaa sagantaa nyaata addnyaa WFP waliin tahee akka ijoollee manneen barnootaatti qallabanii bariisan tolchuutti jira.

Falii akkanaa kun akka obbo Moahmmed ministry barnootaa irraa jedhetti akka naannoo Affaarii fi Somaaleetti barnootii harka 75 irraa 83tti gahu tolche.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG