Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitii Jimmaa fi Mormii Mudate


Bitooteessa 24 bara 2013 Univarsitii Jimmaa keessatti baratonni Oromoo Filmiin Afaan Oromoon hojjatame mooraa sana keessatti akka hin agrsiifamne murtaa’ee jechuun mormii dhageesisuu isaanii ibsanii jiru.

Garu itti aanaa prezidaantiin yunivarsitii Jimmaa Doktoor Taayyee Tolamaariyaam deebii kennaniin murtiin akkasii gonkumaa hin kennamne jedhan.

Dhimmi murtii kennu kun kallattiin kan isa ilaallatu Kaawunsiliin baratootaf Prezidaantii kan ta’e Barataa Daawwit Getaachoo akka ibseetti murtiin kenname kana miti.

Baratoonni barana eebbifaman akkasumas koreen baratoota gargaaruu Filmii adda addaa agarsiuun maallaqa argatau barruu yeroo eebbifaman fudhatan qopheessuuf akka itti gargaaraman akkasumas koreen gargaarsaa kan baratootaa maallaqa kana irraa argatuun baratoota akka gargaaruuf jecha carraan dursaa isaaniif akka kennamu murteeffame jedha.

Kanaaf hamma yerootti obsaan eeguun ituu irra jiruu hubannaa dhaba irraa filmii afaan oromoo agarsisuun dhorkame jedhu jedhe Barataa Daawwit.

Baratonni Afuur sababaa walitti bu’iinsa uumameen hidhaa keessa akka jiran baratonni kan ibsan ta’uus/ bulchiinsii yunivarsitii garu warri qabamanii turan hunduu gadhiifamanii jiru jedha.

Gaaffii fi Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:49 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG