Xurree ittiin seenan

Breaking News

'Jiinsii fi Marxoo' Feestivaala Fiilmii Afrikaa 20ffaa Irratti


Roobaa Bulgaa
Roobaa Bulgaa
​Ebla 3 irraa jalqabee haga Ebla 9, bara 2013tti Feestivaalli Fiilmii Afrikaa 20ffaan magaalaa NiwuYoork keessatti geggeessamaa jira.

Roobaa Bulgaa
Roobaa Bulgaa

“Film Society of Lincoln Center” - ka jedhamu, waaltaa agarsiisa fiilmii walakkeessa NiwuYoorkitti argamutti ka geggeessamaa jiru - feestivaala kana irratti fiilmota biyyoota Afrikaatti hedduu agarsoosaman keessaa tokko fiilmii dokumentarii “Jeans and Marto” yokaan “Jiinsii fi Marxoo” jedhamuu fi seenaa dargaggoo Oromoo tokko irratti hundaa’e hojjetame. Roobaa Bulgaa Jiloo jedhama - dargaggoon kun. Tikfatee-bulaa Oromoo Karrayyuu irraa dhalate.

Mana-barnootaa yeroo jalqabaaf bara 1994/1995 dhaaba “Guddina Tumsa Foundation” yokaan GTF jedhamun Karrayyuu keessatti hundeessame keessatti ka barnoota isaa jalqabe Roobaan, gargaarsa dhaabichaatiin gara Finfinnee dhufee barnoota sadarkaa lammaffaas itti fufe. Akka itti Roobaan ganda dhalata isaa, Karrayyuu dhaa ba’ee gara Finfinnee dhufee fi haalli jireenya isaa itti jijjiirame hordofee uffata isaa, marxoo fi jiinsii, akka fakkeenyaatti fudhachuun mul’isa fiilmiin sun. Ennaa Robaan barnoota isaa sadarkaa dhaa sadarkaatti milkaa’inaan dabree koolejiitti deemuu fi ennaa koolejii xumuratu immoo gara uummata isaatti deebi’u – yeroo inni jireenya isaa aadaa ka ganamaa fi jireenya barnootaan argate walitti-araarsuu yaalu agarsiisa.

“Jiinsii fi Marxoon” feestivaalota fiilmii sadarkaa Addunyaa kudhanii ol irratti agarsiisamee simannaa gaarii argatee jira. Yeroo fiilmichi gidduu kana Feestivaala Fiilmii Afrikaa 20ffaa irratti agarsiisametti, Roobaan akka keessummaatti afeeramee achi jira.

Gaaffii fi Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:02 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG