Xurree ittiin seenan

Oromiyaatti Laftii Rooba; Kaan Facaafachuutti Kaan Horii Waarfachuutti,Kaan ammoo Bokkaa Eegachuutti jira

  • Soraa Halakee

Oromiyaan akkuma maqaa bokkaa naannoo isaaniitiitti baafataniin kaan bokkaa Gannaa kaan ammoo bokkaa Afraasaa argachuutti jira.
Bokkaan baranaa akka obboo Dirribaa Qorichaa Daarektera Daarekteroota Raaqa Qilleensaa fi Damee Akeekkachiisaati bokkaa guddaa, Oromiyaa Dhiyaa,Gama Kaabaa fi Bahaa malee naannoleen hedduutti bokkaa argachuutti jira.
Naannoleen bokkaa guddaa argachuutti jiran akka obboo Dirribaatti “Boorana,Gujii,Harargee Lamaan,Arsii fi Baaleetti bokkaan mirgisee roobuutti jira.”
Tanaafuu namii bokkaa argate kanaan waan silaa hojjachuu malee itti jabaachuu male jedha obboo Dirribaan.

Warra qotatee facaafatee waarfachuutti jiru keessaa tokko godina Gujii fi Booranaa fa.Akka aabba Qaraarsaa Gurraachaa godina Gujii irraa dubbatetti bokkaan baranaa bokkaa haga hin qamne ka haroolee dhiisii ciccitallee guute, “bokka akkana nama gammachiise takka namii hin agarre bokkaa bubbee hin qamne,ka billiqee hin dibbifne bokkaa guddaa.”

Lafa aabba Qaraarsa keessa bahee jedhe godina Gujiitii yoo kahan qaqallachaa dhufullee haga Moojoo gahanitti bokkaan gudduma.Namillee midhaan mataa mataa qotatee facaafachumatti jira.
Warra bokkaa eegachuutti jiru keessaa tokko warra Shawaa Bahaa aanaa Qobboo Luuxxoo Tamsahaati.Obboo Tufaan warra bokkaa eegachuutti jiru keessaa tokko “bokkaan duumansaahee gururi”aa nurraa dabraa adoo amma roobee wantii facaafne hiunuu nuu biqilti.”
Woma taateefuu warrii argatee qotatee facaafachaa,kaan waarfachaa,kaan ammoo bokkaa abdumaan eegachuutti jira.

XS
SM
MD
LG