Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Ijoolleen Maaliif Daandii Gubbaa Jiraatu?


Jaarmayaa da’immanii seev ze chiildren jedhamu kan biyya Briteen qorannaan gaggeesse akka agarsisuutti jaarmayonni kan mootummaa hin ta’in kan Ityoophiyaa keessaas ta’e jaarmayonni hawaasaa waan ijoolleen daandilee irra jiraatan barbaadan keessaa kan dhiyessuufii danda’an baayyee xiqqoo dha.

Jaarmayaa kanaaf qorattuu kan ta’an Aaddee Azeeb Adefrsew akka jedhantti ijoolleen kun rakkoon isaanii guddaan baka daahannaa ta’uu dubbatu. Garuu jaarmayonni ijoollee akkasii gargaaruuf hundeffaman yeroo baayyee wanni gargaaruu danda’an nyaata, uuffataa fi kanneen biroo ti jedhan.

Itiyoophiyaa keessa ijoolleen daandii irra jiraatan kuma 30 ta’antu jira.kana keessaa kuma 17 daandilee magalaa Finfinnee irra jiraatu. Ijoollee kana keessaa walakkaa caalaan bakka dahannaa ykn nyaata ga’aa hin qaban.
Kophee haxa’anii mallaqa argataniin akkasumas waan xixxiqoo daandii irratti namoota arganiitti gurguruun akkasumas nama kadhatanii jiraatu.

Qorannaan gaggeeffame akka agarsisuutti harka 30 kan ta’an dhukkuba jabaan qabamanii dhukkubsataa jiru. Irra hedduun isaanii wal’ansa fayyaa tokko iyyuu hin arganne. Kanneen harka 40 ta’an immoo qunnamtii saalaaf dirqisifamuu isaanii beekamee jira.

Rakkoo akkasii keessaa ba’uuf manni keessa dahatan akkaan barbaachisaa ta’uu dubbatu ijoolleen kun. Jaarmayaan GOOL jedhamu kan Itiyoophiyaaf Daayreekteera kan ta’an Linn Keey akka jedhantti wanni ijoolleen akka manaa ba’an godhu hiyyuma. Malli gaariin maatii isaaniitti eega deebi’anii booda maallqa ramadanii akka isaan gargaaraman gochuu dha jedhu.

Gama kaaniin dawaan ijoollee vaayrasii HIV waliin jiraatan caalaatti gargaaruu danda’uu kan Ehfavirenz jedhamu argamuun ibsamee jra.Kan dhukkuba Eedsiin akka hamaatti miidhaman biyyoota Afrikaa uffee sahaaraa gadii keessatti dawaa kana gargaaramuuf gatiin isaa qaalii ta’uun rakko ta’eera.

gabaasa guutuu armaan gaditti caqasa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:55 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG