Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Ertiraa Dhiittaa mirga namaa dhaabuu qaba jedha mootummaan Ertiraa immoo gabaasaan Amnestii soba jedha


London keessa kan maadheffate gareen mirga namaa Amnesty International gabaasa kaleessa baaseen mootummaan Ertraa erga biyyattiin bara 1993 bilisummaa ishee gonfattee qabee yoo xiqqaate hidhamtooa polotiikaa kuma kudhan ta’an mana hidhatti naqee jira.

Kanneen hidhaman kun, mormitoota polotiikaa uummata biyyattii keessaa baqachuuf yaalan gaazexeessotaa fi uummata Amantii isaanii geggeeffachuu barbaadani.

Amnestitti qorattuun dhimma Ertraa Claire Beston akka jedhanitti hidhamtoonni kun mana hidhaa dhoksaa guutummaa biyyattii keessatti hidhamanii kan jiran si’a ta’u dararaaf saaxilamanii jiru.

Hidhamtoonni hedduun lafa jelaa fi container meeshaa ittiin deddeebisan keessatti hidhamanii jiru. Doorsisaa fi qorannaa geggeessuuf dararaa fi adabi gara jabinaa kan irra ga’u ta’uu hidhamtoonni kana duraa gabaasaniiru.

Namoonni mootummaan beekkannaa hin kennineef kanneen amantii isaanii geggeeffachuu fedhanis amantii isaanii akka ganan dirqisiisamuu fi dararaan irra ga’uun isaa gabaasameera jedhan Amnestiitti qorattuun dhimma Ertraa Cleer Besten.

Gama biraatiin immoo minstriin dhimma alaa Ertraa hiamannaa Amnesty kana fudhatama dhabsiisee jira.

Ibsa Amnestiin baase kan Ertraan biyya hacuuccaan keessatti hammaate, dhoksaa fi addunyaa ka biroof cufataa dha jedhuuf lammiiwwan biyyootii alaa kumaan laka’aman kanneen Ertraa keessa hojjetanii fi jiraatan gabaasi Amnsstii kun hagam dhugaa jiru haguuguu isaa mul’isa jedha ibsi ministrii dhimma alaa Ertraa kun.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:44 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG