Xurree ittiin seenan

Chaayinaan Afrikaa Waan Hedduun Itti Baafattee, Manneen Nyaata Isiilleen Ya Baayyatan

  • VOA

Chaayinaan Afrikaa qaraa waan hedduun itti baafatte;gaazii fi zayitii baasuu qofaa mitii,karaa baasuutii fi waan hedduun itti jirti.Amma ammoo manneen nyaataa fi soortii Chaayinaalleen ya Afrikaatti baafatte.

Finfinneelleetti manneen nyaata qabaachuu qofaa mitii naannoleelleetti akkanuma hujii akka akkaatti jirti.Akka FAO,Dhaabii Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa fi OECD,Wal gargaarsii mala jireenna Addunyaa jedhanitti ganna 10n dhufaatti midhaanii fi soora Chaayinaatti lafatti baafata.

Akka Angel Gurria,itti gaafatamaan dhaaba OECD jedhutti addunyaa irratti oomishii midhaani diqqaachaa deemaa ka Chaayinaa ammoo dabalaa deema.

Chaayinaan Ganna 10n duubatti foon toonii miliyoona 1 fi kuma 700 bitatti.Biyyiti tun gannatti foon harka 7tti gabayaa alaatti gurguratti.Biyyitii tun midhaan horiin gabbisanillee ganna 10n dhufaatti akkanuma dabalachaa alatti ggurgurachaa deemti.
Tana maleellee biyyiii tun duruu addunyaa irratti biyya aanan bitachuun tokkeessooti, ganna 10n dhufaatti ammoo foon booyyee nyaachuun addunyaa keessaa tokkeessoo taati.

Gama kaaniin ammoo akka Dhaabii Qonnaa fi Nyaata Addunyaa FAOn jedhutti addunyaa irraa nama miliyoona 870tti agabu jira. Kostaas Istaamulis bulchoota FAO gugurdoo keessaa tokko,rakkoon guddoon soora dhabuu qofaa mitii soora nafa namaatii taatu dhabuutti caala.

Nama biliyoona lamaatti vaaytaminaa fi minelaraala isaa taatu dhaba.Tun ammoo aka ijoollee afur keessaa nama tokko qancaru tolcha.Nama biliyoona 1 fi miliyoona 400 furdatee haga dabre.

Midhaan nafa namaatii taatu dhabuun kun waggaatti galii addunyaa harka shaniin diqqeessiti,doolara triliyoona 3 fi miliyoona 500 jechuu.

Soora akkanaa argachuuf ammoo wannii asi aanaa akka Gustafsonitti akka addunyaan soora argattu tolchuutti asi aana.Tana qofa mitii akka naminuu soora nafa namaatii taatu beeku barsiisuutti itti aana.
XS
SM
MD
LG