Xurree ittiin seenan

Itoophiyaan Dorgommii Kubbaa Miilaa 2014 Biraazilitti Taphataniif Dabruuf Abdii Horachaa Dhufuuti Jirti

  • Soraa Halakee

Ganna dabre waancaa Afrikaatii,ganna dhufu ammoo waancaa addunyaa Biraazilitti taphataniif dabruuf Itoophiyaan ya karaatti buute.

Yoo kalee nugusa kubbaa miilaa Afrikaa, Bafana Bafana waliin Finfinneetti tapattellee 2-1 moohachuun isiituu guddinna isii mullisa.

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaa bara dhufuu Afrikaa Afrikaa biyya 5tti dabara.Gadamsii Itoophiyaa gareen 10n walti haftee shan keessaa fialtan tahuutti jira.
Itoophiyaan moohattee jennana namaa fi makiinaan karaa wal saame.Namii Finfinneetti dubbifnelleen tanumajedhe.

Gama kaaniin ammoo FIFAN,Waldaan Federeshiiniin kubbaa miilaa Addunyaa Itoophiyaa fi biyyitii Afrikaa lama sadii nama silaa tapachiisuu hin malin tapachiisaan jedhee himachuuf qorachuutti jira.

Oduu sabqunnamtii FIFA Switzerland argannelleen Itoophyaa gaafa Botswana waliin tapahtte seera malee nama tapachiifte jedhee himatee jetti.Togoo fi Equatorial Guinea faallee tanumaan himatanii lakkoofsa 55 keeyyata 8n qorachuutti jiran jetti.

Taatullee akka Perzdaantiin Federeshiinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa obboo Sahiluu Gebremedin tun oduu akka malee nama rifachiiftuu taatullee gareen Itoophiyaa durumatti deemuuf abdii qabdi.

Dorgommii CONFEDERATON CUP ykn ammoo dorgommii biyyootii ollaa ta teessuma lanfaatiin walti dhiyaatan taphatn kalee Brazilitti jalqaban.Ispeen Uraagaay 2-1 moohatte. Mee MP3 tanallee caqasaa.
XS
SM
MD
LG