Xurree ittiin seenan

Breaking News

Alii Birraa, “Anis Biyyaan Qaba, Biyya Biyyaa Caaltu…”Jechaa Sagantaa Galataa fi Ulfinna Isaatiif MNtti Kopheessaniifitti Dhufe


Alii Birraatii fi Jaartii Isaa aaddee Liillii Birraa
Alii Birraatii fi Jaartii Isaa aaddee Liillii Birraa
Haga diqqeennaa jalqabee haga hardhallee ittuma jira ,adoo akkanuma sirbuu deemuma deemee ganna 50 gahe,ammalele dhaabuu hin geennee hinuma sirbaa jedha.

Afaanii, aadaa, seenaa,Oromiyaa ,siyaasaa,saba isaatii sirbaa akka namii hagii tokkoo jedhuutti ammoo lallabaa asi gahe,.Alii Mohaammad Birraa.

Yaada dargaggoon Oromoo biyya alaa jiran ‘jabaa keenna adoo innii jiruullee haa faarfannuu’ jedhutti ulfinnaa fi kabaja Alii Birraatii nama hedduu biyya alaatii fi Oromiyaallee MNtti walti fide.

Sagatnaan kun interneetii irraa yoosuma platlak,ustream fi waan hedduund abarsaa bahan. Guyyaan kun ka Alii fi sirbitoota Oromoo hedduullee hujii isaaniitiin itti faarsan.

Dargaggoo qophii tana kopheessite keessaa tokko,Eeliyaas Ibsaati,“Qophiin baayyee nama gammachiiftuu,qophii sabboonummaa Oromoo garsiiftuu..irbaataan boodatti dhaamsaa viidiyoo biyya keessaa fi biyya gara garaati dhufe ka si jaalannaa,si kabajnaa, hayyuu keenna,barsiisaa keenyaa jedhutti dhufee baayyee nama gammachiifti.”

Warra ulfinna Alii Birraatii dhufe keessaa tokko Dr.Mohaammad Hassan,Atlaantaa irraa dhufe “Alii Birraan kennaa Oromooti,” jedhe .

Kaan ammoo Dr.Gammachuu Magarsaatii biyyaa dhufe.Aliin eennu jetta jennaan “kennaa-waaqii Oromoo kenne, nama waaqii Oromoo kenne,qabsaahaa,saba isaa jaalatu waan isaa dubbatanii hin fixan.

Sirbii Alii akka Dr.Gammachuutti sirbuu qofaa miti lallaba,bara Oromoo mootummaa akka akkaa keessatti rakkate inni seenaan sun lallabaa dabarsa jedha.Waan Oromoon keessa jiruu fi keessa dabre lallaba.

“Callanqoo kahee oggaa yaadan dhibaman jiruu afaan wallaalanii ka jedhu keessaa waraana Calanqootii fi dhuma Oromootti jira..sanaan duuba birraadhaatti biri’e jedhe sun… oggaa Afran -Qalloon dhaabatetu waan akka Oromootti dhaabbate waan argateef birraatti nu bari’e sun waaqa itiin faarfate Oromoo biraan gahe.”

Alii bara waraanaatii fi bara gammachuullee akkanuma dubbata jedha Dr.Gammachuun

“Calanaqoon duuba yoggaa waraani Baalee kahee Oromoon kaaniin somalee shirrixi lebaash jedhani fixanii Alii Birraan namii keenna kaan gaaratti baqdee uirraa faccisee oggaa dadhabe kaan fixan obsee yaa onnee jedhe..bara dargii Oromoo yaadaan gargar baasan ..maaltu addaan nu baase nu ilmaan haadha tokoo jedhee faarse..

Tana malleellee biyyatti deebinaan ammoo,"eegii biyyaa bahe ammoo …miila taha malee garaan keena biyyaa hin baane..kallachaa tokkummaa hundee bilisummaa… jedhee faarse.”

Ganna 50essoo ulfinna Alii Birraatiif kopheessan irratti nama hedduutti dhufee dadhabbii Aliin ganna 50 afaan Oromootiin sirbee aadaa,fi Oromo itti guddiseef badhaase,sagantaan kun yoosuma interneetii irraa "LIVE" dabarsaa turan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:11:56 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG