Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii ‘OSFNA’ Bara 2013 Madda-Walaabuutti Moo'ate


Madditii-Walaabu garee Kubbaa miilaa OSFNA,Federeshiinii Kubbaa Miilaa Oromoo Amerikaa Gama Kaabaatii qabu 16 keessaa tokko.Armaan dura bara 2007 keessaa dorgommii akkanaa moohattee ta baranaa waliin lammeeffate.

Gareen Madda-Walaabuu tun ‘Seattle’ dhuftee Dirree Dawaa 5-3 moohattee waancaa fudhatte. Leenjisaan Garee tanaa Redwaan,akkamiin garee Dirree ta taphaan beekamtu moohattan jennaan, waan cufa caalaa amalaa fi adabaa ispoortii akka jabeessan wal gorfanne jedha,taphata hamma feete qabaattee amala qabaachuu baannaan garuu gahuu hin dandeettu jedha.

“Yoo haga feete taphataa ciccimaa 11 ma hin jiraannee naamusaa fi amallii yoo hin jiraanne injifachuu hin dandeettu wal dhagahuu hin dandeettu.”

Goolii shanan Madditii-Walaabuu moohatteen tana lama ijoollee obboleeyyanii Abdinuur Galgaloo,ka lammeessoo ammoo Abdinaasir Galgaloo,goolii lamaan ammoo Mintesinoot,kaan ammoo Abdulmalik(Ziglaa) galche.Abdulmalikiin kun taphataa beekamaa jedhamee tapha kana irratti badhaafame.

Warrii dorgommii tana laaluuf Kanaadaa dhufe ka akka obboo Ibroosh faan dhalootii haarahiii gurmaahee wal jabeessaa dhufuutti jiraa jedha.

“Ijoolleen Oromoo ta dhalattee dargageessa taatee arranata tana agartee bakka Oromoo jirtu sun qabatte jira..taphii baayyee bareedaa.”

Gareen kubbaa miilaa OSFNA;Oroma 11 Stars,Qeerramsa, Abdii Sabaa,Oromo United,Madda-Walaabuu,Finfinnee,T.T.L Stars,Dirree Dawaa,Oromia Toronto,Bilisummaa, Utaa-Waayyuu, 10,000 Lakes,Leenca,Risaa,fi Oromo United fa.

Qophiin Torbaan Oromoo tun tana malee dorgommii Bareedduu Oromootii fi Bareedduu Oromiyaa jedhanii wal dorgomsiisanii.Bareeddu Oromiyaatii, Tigisti Daadhii Araddaatti Kalifoorniyaa moohate.

Hawaasii Itoophiyaallee dorgommii kubbaa miilaa WDC fi MD ka Eertiraa ammoo Kaliforniyaa, Sanoozeetti taphachaa ture.

Gama kaaniin ammoo atileetotii Itoophiyaalleen fiigicha Adoolessa keessaa Paarisii fi Swazerlaniti qopheessaan dhiiraa fi dubralleen moohatan.

Dorgommii kubbaa miilaa keessaa ammoo Gareen Gaanaa dorgommii U-20 ta ijoollee gannii 20 gadii Turkeetti taphachuutti jiran irratti Chiilee 4-3 moohattee marsaa itti aanutti dabarte.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:38 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG