Xurree ittiin seenan

Diplomaatii ol aanaan tokkummaa mootummootaa Ambaasaadder Birhaanuu Dinqaa du’aan boqotan


Ambaasaadder Biraanuu Dinqaa

Ambaasaadder Biraanuu Dinqaa

Dipilomaatii lammii Ethioiaa kan ta’an Ambasaddor birhanuu Dinqaa Adoolessa saddeet NY keessatti du’aan boqotan. Ambasaddor Birhanuun tokkummaa mootummootaa keessatti taayitaa adda addaa irratti bobba’anii kan hojjetan, lammii Ethiopia yeroo duraaf itti aanaa muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa ta’uun hojjetan akkasumas komiishina dhugaa haqaa fi araaraa Kenyaaf illee jaarsa araaraa ta’uun hojjetaniiru.

Waahilota isaanii hojii, hiriyoota isaanii ijoollummaa fi michoonni isaanii biyya isaanii qofaa utuu hin taane Addunyaatu nama beekaa fi guddaa tokko dhabe jedhu.

Kanneen keessaa kan yeroo ammaa gadamoojja’anii jiran hiriyaa isaanii yeroo dheeraa Ambasaddor Mulugeta Ittafaa, Ambasaddor Birhaanee Dheeressaa, kan yeroo ammaa kan kenyatti argamu dhaaba koolu galtoota IOM keessaa kan hojjetan aadde Durree Nagaasaa fi dura taa’aa WAFDO duraanii fi kan duraan baankii addunyaaf hojjetaa turan obbo Bulcha Dammaqsaa fi firoottan isaanii addunyaan nama guddaa dhabde jedhu.

XS
SM
MD
LG