Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexeessonni biyyootii alaa Itiyoopiyaa keessaa ittisa Hiddaasee daawwatan


Maartee waliin kan imalan gaazexeessota Royters Dooche veelee ccTV AP, AFP fi sabaa himaalee Ethiopia keessaa bakka bu’oota qaban kanneen biroo dha.

Finfinnee irraa xayyaaraan Asoosaa ga’uu isaaniif Asoosaa dhaa immoo gara ittisa “Hiddaasee”tti atoobisii dhaan deemuu isaanii kan ibsite Maarteen balaliin xayyaarichaa daqiiqaa 15 atoobisii dhaan immoo sa’aatii Afru deemne jette.

Bakka ittisa sanaa sa’aatii shanii hanga ja’aa turuun daawwannaa goshaniiru maartee faan. Asoosaa attamitti argite Maartee

Asoosaan magaalaa xiqqoo dha jette Maarteen. Qilleensa irraan asii gadi yeroo ilaaltu ni argita. Dirre xayyaarri irraa ka’u irra hagas hin caaltu. Maagaalattii keessa takka turre, magaalattii dhaas ala baanee daawwannee jirra.

Hedduu miidhagdi. Naannoon ishee magariisa. Keessummaa bakka awwaara uffate naannoo Finfinnee waliin yeroo madaalamu naannoo qilleensa qulqulluu qabduu dha.

Yeroo roobaa waan tureef jechas daandiin isaa sirriitti waan hin qulqulloofneef dhoqqee ture. Maraafuu naannoo akkasii arguu kootti gammadeera jetti.

Benishangul Gumuziin hagas waanan hin beekneef jetti Maarteen Asoosaan kutaa sanaaf magaalaa guddoo ta’uun gaarii haa ta’uuf dhiisuu isaa dubbachuu hin danda’u.

Haa ta’u malee suuta guddataa jiraachuu isaa argita. Hoteelonni gaarii ta’an tokko lama jiru. Dhugumatti bakka ati dhaqxee bashannanuu dandeessu hedduun hin jiran. Daandiin isaas hagas mijata miti. Magaalaa guddoo jechuu irra magaalaa xiqqoo kan Yoo jenne wayya. Quunnamtiin marsariitii garuu kan Finfinnee irra wayya.

Lakkoobsi nama itti fayyadamuu hagas hedduu waan hin ta’iniif.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG