Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guddinni Dinagdee Aangawoota, Dabballootaa Mootummaa fi Daldaltoota Mootummaatti Hidhataniif Qofa, jedha Medrek


Addi gamtaa paartiilee mormitootaa Itiyoophiyaa, Medrek, Dilbata dabre kana magaalaa Finfinnee keessatti walga’ii uummataa waamuudhaan, maanifeestoo yokaan tarsiimoo isaa irratti ibsa kennee jira. Kanneen walga’icha irratti ibsa kennan hoogganoota addichaa lama, Dr. Mararaa Guddinaa fi Dr. Nagaasoo Gidaadaa turan.

Itti-aanaa Dura-taa’aan Medrek fi Dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Dr. Mararaan akka jedhanitti tarsiimoo dhimmoota sadii, jechuun, haala siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa amma Itiyoophiyaan keessa jiruu fi jijjiirraa dhufuu qaba, jedhanitti fuuleffate – maanifeestoon Medrek.

Gama siyaasaan filannoo walaba geggeessuu dhabuun, boordiin filannoo fi manni-murtii walaba ta’uu hanqachuun, miidiyaa yokaan sabaa-himaan walabaa dhabamuun, mootummaan hoogganoota mormitootaa fi gaazzexeessota seera shororkeessummaa dabalee seera adda addaa itti baasee yakkuu fi hidhuun, adabbii waggoota dheeraa itti mursiisuun dimookiraasii biyyattii ukkaamsuu isaa dubbatu, Dr. Mararaan.

Gama dinagdeetiinis, mootummaan akka dinagdeen guddatee fi biyyattiin misoomtetti haa dubbatu malee “uummatni biyyattii yeroo dhaa yerootti hiyyummaa hamaatti sigigaataa jira, kan nyaatu dhabaa jira. Ka malaammaltummaan duuromaa jiru aangawoota, dabballootaa mootummaa fi daldaltoota mootummichatti hidhata qaban qofa” jedhu.


please wait

No media source currently available

0:00 0:10:27 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG