Xurree ittiin seenan

Breaking News

MLK:Loogiin Sanyii Ameerikaa Sochii Uummataan dhabamsiisame


Sochii uummataa kan bara 1968
Sochii uummataa kan bara 1968
Waggoota shantama dura ture hooggaaan sochii mirga namaa kan ta’an Martin Luther King hiriirri uummataa isaan geggeessan jireenya lammiiwwan Ameerikaa hedduu kan jijjiire ture. Haga 28 bara 1963 haasaa isaanii mul’atan qaba “I have a dream” jedhu kan dhageessisan uummata Washington keessatti wal ga’e kan kuma 250 ol ta’u ture. Qophiin har’aa kana irratti fuuleffate Tujubetu dhiyeess.

Chris Simikins akka gabaasetti uummata nuusa miliyoonaa ta’u kan guutummaa biyyattii irraa walitti dhufantu qixxummaa mirga namaa fi kan dalaqaa jecha hiriira waamame irratti argaman.

Hiriirri sun kan geggeessame Ameerikaa keessatti loogii sanyii hamaan gurraachota irratti geggeessamaa wayita turetti.

Hiriira kana irratti kan argamanis gurraachotaa fi warreen adii akkasumas lammiiwwan biyyoota ka biroo deggertoota isaanii ta’an sanbata darbe hiriirri uummataa waltajjii itti geggeeffametti ba’anii iyyannaa isaanii kan qixxummaa mirgaa dhageessisan.

Kutaalee US adda addaa keessatti raawwatamaa kan ture loogiin sanyii warreen gurraachaa filannoo keessatti akka hin hirmaanne ykn sagalee akka hin kennine dalgaa argachuufis haqaan dorgomuu akka hin dandeenye kan ugguru kan godhee fi warreen gurraachaa hedduun hiyyummaa hamaa keessatti akka rakkatan kan godhe ture.

Sanbata darbe waggoota shantma dura waltajjii dhuma wal fakkaatu irratti sirna geggeessame irratti haasaan dhageessiame sana booda walakkeessa jaarraa tokkoo keessa tarkaanfiiwwan hedduun fudhatamuu isaanii fi Ameerikaa keessatti jijjiiramni hedduun ta’uu isaanii yaadachiisaniiru.

Har’a iyyuu jedhan kanneen haasaa dhageessian kun Ameerikaan amma iyyuu rakkoolee hedduu furmaata hin arganne kan sanyii waliin wal qabate qabdi.

Sanbata darbe waltajjii biyyoolessaatti sirna geggeessame irratti haasaa kan dhageessian keessaa hoogganoota qabsoo bara sochii mirga namaa keessa Lubi Al Shaapiroon tokko turan.

Ilimi hoogganaa qabsoo mirga namaa kan luba Dr. Martin Luther King Martiin luther kiing Salsaawwii-s haasaa dhageessianiiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:01 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG