Xurree ittiin seenan

Breaking News

Looltoonni Ambulaasiin Dhufanii Barattoota Qaban


Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Godiina Gujii Anaa Gooroo Doolaa magaalaa Arqallo keessatti erga Hagayya 27, bara 2013 as barattoonni kudhanii fi barsiisaan tokko hidhamuu jiraattonni magaalattii ibsanii jiru.

Koleejoota adda addaa keessa barataa turanii boqonnaaf maatii bira ka turan baratonni sadii maatii ofii gargaaruuf hojii qonnaa gaggeessaa otuu jiranii polisonni kokolaataa Ambulaansii qabatanii dhufuun isaan qaban jedhu.

Waraqaa eenyummaa Adda Bilisummaa Oromoo uummata baadiyyaa gidduu raabsanii akkasumas chaappaa sobaa kan ABO fakkesuun hojjatanii itti gargaaraman himanni jedhu irratti dhihaachuu maddeen kun ibsanii jiru.

Bulchaan Aanaa Gooroo Doolaa Obbo Nagaasaa Siidaa gama isaaniin namni sadii hidhamuu ibsanii garuu baratoota yunivarsitii miti, jedhan.

Kanneen barreeffama uummata kakaasuu magaalattii keessatti barreessan ragaa wajjin qabanne waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti murtiin itti kennama jedhan.

Kanneen biroon saddetti hidhaman isa jedhuuf gaaffii f dhihaatanii sana booda gadhiifaman jedhan. Kanneen hanna waliin wal qabatee hidhaman lama akka jiranis ibsaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:33 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG