Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessatti Oromoonni Filmii Afaan Oromoon Qopha’an Daw’atan Xiqqaa Dha


Yunivarsitti saayinsii fi Teknikaa kan Adaamaa irraa barnoota Sooftweer Injinariing jedhamuun digrii duraan kan eebbaifame dargaggoo Baa’isaa Dirribaa Badhaane Filmii afaan Oromoo WAAKKII jedhamu qopheessee agarsisaa ture. Yeroo ammaa garuu Filmii kana agarsisuu dhaabuu isaa dubbata.

Sababaan isaas barattoota Oromoo yunivarsitiwwanii fi kooleejoota Oromiyaa keessaa jiran irraa kan hafe uummanni oromoo magaalaalee Oromiyaa adda addaa keessa jiraatu tola iyyuu seenee daw’achuuf fedhiin qabu xiqqoo dha jedha dargaggoo Ba’isaan.

Filmii kana hojjachuuf waluumaa gala Qarshii kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama baasuu isaa fi galma keessatti agarsiisan iddo iddootti kireeffachuuf akkasumas waan adda addaaf baasii ka biroo kan isa gaafatu ta’uu ibsee jira.

Filmii kana dawachisuuf deemee ituu hin agarsisiin yeroo inni itti hafe akka jiruus dubbate.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:46 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG