Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Wal-falmiin Televiziyoona Itiyoophiyaan Dhihaate Gowwoomsaa Dha"


Bakka-bu’oonni Mootummaa Itiyoophiyaa fi ka paartiilee mormituu, torban dabre kana, Televiiziyoona biyyattii irratti waliin dhihaatanii ennaa seera farra-shororkeessummaa irratti wal-falmii geggeessan mul’atee jira. Itiyoophiyaa keessatti wal-falmiin akkasii yeroo baay’ee hin mul’atu. Qeeqawwan Mootummaa Itiyoophiyaa irratti dhihaataa turan keessaa tokko carraan akkanaa Paartiilee mormitootaaf banamuu dhabuu akka tahe beekamaa dha. Kanaaf jecha wal-falmiin torban dabree kun ija namoota hedduu harkise.

“Mootummaan mormitootaa balbala sabaa-himaa yokaan miidiyaa banuu jalqabuufii laata?” - jechuun kanneen wal-gaafatan illee ni jiran. Ka duraan hoogganaa paartii mormituu turan - Obbo Bulchaa Dammaqsaa, wal-falmiin akkanaa jiraachuun gaarii eeranii, “garuu -- motummaan yaada mormitootaaf balbala banuuf kana hin goone. Mala ittiin uummata sossobatu gowwoomsaa dha,” jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:28 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG