Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabii ‘HOPE 2020’ Oromiyaatti Bisaan Baasaa,Manneen Barnootaa Haaromsaa Nama Kuma Dhibbaa Hedduu Qargaaruutti Jira Jedha


Eegii hujii jalqabee amma ganna 10 keessa jira. Haga guddaan nama baaddiyaa ka bisaan dansaa hin arganne,ka manii barnootaa irraa fagaatu fi walumattu warra humna laafaa gargaara.

‘Waan dandeennuun umamta keennaa gargaaruuf jenneeti huji jalqamne,’ jedha warra HOPE 2020 yayyabe keessaa obboo Guddataa Galalchaa.Obboo Guddataan daarektera dhaaba kanaati.

“Ummata baaddiyaa irra caalaatti ka fayyadu… bisaan qulqulloo,mana barumsaa deebisnee ijaaruu,kilinikii baaddiyaati ijaaruu…ganna 10n kana keessatti ummata gara kuma 100 fi kuma 50 gargaarre.”

Dhaabii kun yoo bisaan baasu ammaaf humna aduu fi ta qilleensaatiin hojjachaa itti aansee ammoo humna akka biofuel itti dabalee hojjachuuf qophii jiraa jedha obboo Guddataan.

Dhaabii kun amma Shawaa Keessaa aanaalee akka Walisoo,Soolee, Amboo,fi Jalduu dabalee aanaa 5-6 keessatti hojjachuutti jira itti aanee naannolee Oromiyaa gara garaatti oli guddisuuf itti jira.

Manneen barnootaa jaaraan keessatti akak isaan bisaan qulqulloollee argatan tolchan.Bisaan kun ammo ka namaa qofaa miti ka horiilleen walumaan baasan akka jedhan.

Akka ummtii baaddiyaa yoo gabayaa dhufellee mana fincaanii barbaadaaf hin rakkanneef gabayaa keessalleetti manneen fincaanii baasan,mana bisaan itti dhiqatanillee akkanuma ummataa qopheessinaa jedha.

Akka ummatii ammoo waan argate kana jabeeffatullee leenjii kenninaaf jedha HOPE 2020.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:16 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG