Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkubi Poliyoo fi Sukkaaraa Afrikaa keessatti Hammaataa Jiru


Baatii Caamsaa darbe dhukkubi pooliyoo ykn laamsheessaa biyyoota gaanfa Afrikaa keessatti mul’ate jira. Somaaliyaa keessa qofa namoota 160tu vaayrasii poliyoon qabame. Vaayrasiin Poliyoo biyyoota ollaa kan ta’an keniyaa fi Itiyoophiyaa keesattis faca’aa jira.

Jalqaba waggaa kanaa poliyoon Naayjeriyaa Afgaanistaan fi Pakistan keessaatti argame.Xinxaltonni akka jedhanti vaayrasichi inni amma biyyoota gaanfa Afrikaa keessatti argame isa Naayjeriyaa keessa jiru waliin wal fakkaata. Gareeleen michoomaan poliyoo dhabamsisuuf hojjatan dhiyeenya kana poliyoo guutuummaa addunyaa irraa yeroo dhumaaf dhabamsisuuf karoora waggaa shaniif lafa ka’ataniin Doolaara Biliyoona 5.5 kennuuf waadaa seenan.

Gama kaaniin uummata addunyaa irra jiraatu keessaa dhukkuba sukkaaraa kan qaban miliyoona dhibba sadii fi miliyoona 71 ta’uu qorannaan gaggeeffame hubachisee jira.Isaan kana keessaa miliyoona 15 kan caalan biyyoota Afrikaa kanneen uffee sahaaraa gadii keessa jiraatu.

Kutaa kana keessatti namoota dhukkuba sukkaaraan qabaman keessaa harka 80 kan ta’an dhukkubicha qabaachuu isaanii illee hin beekan. Namonni dhukkuba sukkaaraan qabaman kun harka caaalaan umriin isaanii Afurtamaa fi shantamii sagala giddu ta’uun ibsamee jira.
XS
SM
MD
LG