Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoopiyaan du’a daa’immanii harka sadii keessaa lamaan gad xiqqeessite


Itiyoopiyaan bara 1990 fi 2012 gidduu yeroo jiru keessatti galma mileniyemii keessaa tokko kan ta’e du’uu daa’imman umuriin isaanii shanii gad jiruu dhibba irraa gara harka 67tti gad xiqqeessitee jirti. Kun kan labsame gabaasa dhiyeenya UNICEF daa’immaan ilaalchisuun baaseen ture.

Ministeerri eegumsa fayyaa Itiyoopiyaa Dr. Kesetebirhan Admaasuu ba’ii gaarii kana simachuu dhaan fooya’inni kun argamu iyyuu biyyattii keessa amma iyyuu du’uun daa’immanii sadarkaa ol aanaa ta’uu isaa amananiiru.

Yoo lakkoobsa ijoollee Itiyoopiyaa keessaa du’anii ilaalte amma iyyuu guddaa dha. Bara 2035tti du’uu ijoollee ittisuuf waan danda’ame mara gochuuf cicha qabna. Galma akeekame sana ga’uufis haala mijeessaa jirra.

Garaa kaasaa, dhibee qorra sombaa ykn Pneumonia fi busaa ykn biinniin du’uu daa’imman Itiyoopiyaa keessaaf sababaa kaneen ta’an keessaa ijoo dha. Bara 1990 keessa du’uun daa’imman umuriin isaanii shanii gad jiranii addunyaa irraa isa guddaa ture, kana jechuun ijoollee dhalatan kuma tokko keessaa 204tu du’a jechuu dha.

Lakkoobsi sun amma kuma tokko keessaa gara 68tti gad bu’ee jira. kana jechuun ijoolleen Itiyoopiyaa kumaan laka’amaniif silaa jalqaba waggaa kanaa du’an amma umurii isaanii waggaa shanaffaa kabajataniiru.

Itiyoopiyaan Tanzania, Liberia fi Malawwitti aansuu dhaan biyya arfaffaa galma mileniyumiitti milkaa’an keessaa ti. Itiyoopiyaan kanatti milkaa’uu kan dandeesse sababaa caasaa eegumsa fayyaa isheetiini. Kunis hojjettoota eegumsa fayyaa kuma 38 mindeessuu dhaan uummata guddaa baadiyyaa keessa jiraatuuf tajaajila eegumsa fayyaa ittiin ga’uu ture.

Itiyoopiaatti bakka bu’aan UNICEF Peter Salama akka jedhanitti milkaa’inni biyyattii kanneen biroof akka fakkeenyaatti fudhatamuu danda’a jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:54 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG