Xurree ittiin seenan

Breaking News

Galma gabaa Naayroobii haleeluuf tarsiimoo al Shabaab Fayyadame dogoggora jedhu hayyoonni


Hoogganaan al shabab Shayk Muktaar Abu Zubyr Fulbaana 21 bara 2013 galma gabaa Kenya irratti raawwate sana ilaalchisuun ibsa kennee jira. Ibsa isaa keessattis kanneen haleellaa kana raawwatan loltoota Mujahideen ittiin jedhe galateeffatee jira.
Saabaan Kenyaa itti haleelaniifis gam tokko kenyaan loltoota ishee somalia keessaa akka baastu ta’uu baannaan garuu haleellaan itti dabalaa akka isee eeggatu akeekkachiise.

Haleellaan galma gabaa westgate irratti raawwate hoogganoota keenyaa kanneen qahbiyyee Islaamaa weeraran aarsuufi kan jedhe hoogganaan ala shabaat warree gama dhiyaa kennaan warra dhiyaa weerara keniyaa deggeraniifi dhiiga namootaa dhangalaasuu dhaan kampanilee albuudaa babal’ifatuu fedhan ijaa ba’uufi jechuun dhaadate.

Gama biraaatiin immoo Waaltaa qorannaa sagantaa Afriikaa kan London jiru irraa Jason Mosley akka jedhanitti haleellaan sun lammiiwwan biyyootii alaa caalaa daran lammiiwwan keniyaa irratti fuuleffate jedhan.

Jason Mosley akka jedhanitti haleellaan Kun kallattii dhaan lammiiwwan Kenya kanneen qabeeyna qabaan waa bitachuuf dandeettii qaban irratti fuuleffate. Kanneen kun kanneen marsariitii akka salphaatti argachuu danda’an caasaa hawaasaatti fayyadamuuf carraa qabanii fi Nirobi keessa jiraatan lammiiwwan Kenya jireenya giddu kaleessaa qabanii dha.

Warraan gama dhiyaas haleellaa sana keessatti miidhamuu malu jedhan. knaaf kun warra kenyaaf akka akeekkachiisaa ti jedhan.

Akeekkachiisi sunis jedhu Mosleyn Kenyaa dhaan biyya keenya keessaa ba’i jechuu isaanii ti. Tarsiimoo balaa qabutti fayyadamuu dhaan Keenyaa irra dhiibbaa kaa’uuf yaalan. Kanaanis uummati Kenya dura akka dhaabbatu gochuu yaaluu dhaan gaaffii Somalia ilaalchisee uummata Kenyaa addaan qoofuuf yaalii isaan godhani.

Al Shabaab tilmaamni isaa kan akka galma gabaa Westgate haleeluuf tilmaamee sirrii hin fakkaatu. Dhimma ijoo ta’e keessaa tokko, Lammiiwwan Somalia hedduutu Kenya keessa jiraata. Akka baqattootaa qofaatti utuu hin ta’in lammiiwwan Somalia kanneen lammii Kenya ta’an, kanneen namoota daldalaa ta’uu dhaan guutummaa biyyattii keessaa hojii qaban hedduutu jiru. Kanaaf kun lammiiwwan Somalia biyyattii keessa jiraatan balaa irra buusuu mala jedhan.

Keenyaanoo kanatti aansuun maal gochuu dandeessi gaaffii jedhuuf jedhu Mosleyn tarsiimoo somalia keessaa qaban dhugumatti irra deebi’anii itti yaaduu qabu. Hagam tarkaanfii fudhatan. Godinaa naga eegumsaa ilaalchisee hagam akeeka isaanii galmaan ga’an? haala biyya keessaa ilaalchisee akkasumam nageenya Kenya keessaa eegsisuu irratti hagam akka hojjetan ilaalamuu qaba.
Yoo isaan lammiiwwan Somaliaa walumaa gala adamsu ta’e ykn yaadi lammiiwwan Somalia ykn musliimota kenyaa irratti qiyyaafachuu inni jedhu jira ta’e gareen kun lamaan qaama hawaasichaa isa guddicha. Kun immoo al shabaab fi dhaabolii yaada isaa hordofanif deggersi akka dabalu godhee Shabaab naannoo sana keessatti akka milkaa’aa jirutti fudhatamuu mala jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG