Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen shororkeessotaa galma gabaa Naayroobii haleelaan lammiiwwan Ameerikaa of keessaa qabu


Gareeleen hidhatan galma gabaa kenyaa irratti haleellaa erga oofanii as hr’aan guyyaa shanaffaa dha. Dubartootaa fi ijoollee dabalatee sivilota 60 ol ta’an yoo ajjeefaman kanneen 200 ta’an immoo madaa’aniiru.

Hidhata al-Qaida kan ta’e al-Shabab haleellaa sanaaf itti gaafatama fudhachuu dhaan weerara waraana kenyaatiin Somalia keessatti ta’een ajjeefamuu musliimotaa ijaa ba’uufi jedhee jira.

asgiida Jumia kan Nairobi jiru irraa hayyuu Islaamummaa kan ta’an Abdullahi Galkayo akka jedhanitti karoorri shrororkeessotaa kun amantii waliin wal hin argu jedhan.

Islaamummaan maal akka ta’e beektaa? Islaamummaan amantii nagaa ti. Maqaa dhumti Islaama jedhu iyyuu nagaa jechuu dha. Ilbiisa illee ajjeesuun si irra hin jiru. Yoo nama ajjeefte guutummaa addunyaa ajjeeftee jedha amantiin Islaamaa jedhan.

Kaayyoon shororkeessotaa uummata Keenyaa addaan qooduuf yoo ta’e jedhan Galkayon itti hin milkoofne.

Gama biraatiin imoo lammiiwwan Ameerikaa hidhi dhalata Somalia kanneen kutaa Minnesota keessa jiaatan al shabaabiif namoota fuluun yaaddoo yeroo dheeraa qabee jiruu jedhan.

Gareen lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Somalia Ka Joog jedhamu tuuta oduuf Minneapolis keessatti ibsa kenneen haleellaa gareen shororkeessota al shabab galma gabaa Nirobi irratti raawwate namoota balleessaa hin qabaanne galaafate balaaleffatee jira.

Akka gabaasa jiruutti kanneen haleellaa geessisan hagi tokko Minnesota irraa ta’uu ibsa garuu hin mirkanaa’in jira.

Akka angawoonni US jedhanitti garuu erga bara 2007 qabee lammiiwwan Ameerikaa hiddha dhalata Somalia ta’an kanneen 20-40 ta’an gama Somaliatti imaluu dhaan al shababitti makamanii kaan isaanii achitti du’an.

Hoogganaan garee Ka Joog Mohamed Farah akka jedhanitti lammiiwwan Somalia kanneen Minnesota fi naannoo addunyaa jiraatan irra jireessi shororkeessummaa hin deggeran.

Hawaasi martinuu ofii namoota gaarii hin taane of keessaa qabu. knaaf ilaalchi lammiiwwan Somalia gaarii ta’an kanneen guutummaa keessa jiraataniif jiru akka hin banne mirkaneeffachuu qabna.

Waaltaa lammiiwwan Somalia kan Minneapolis keessa jiruuf directora kan ta’an Abdirizak Bihi akka jedhanitti ilmi obboleessa isaanii Burhan Hassan bara 2008 keessa masgiida naannoo jiru keessaa al Shabaabiin filatame.

Gareen kun lammiiwwan Somalia kanneen hawaasa US keessatti tuffatamne jedhanii yaadan irratti fuuleffate. Bihin akka jedhanitti erga ilmi obboleessa isaanii garee sanatti makamee booda maatiin isaa balaa al Shabab dhaqqabsiisaa jiru angawootatti beeksisaniiru.

Erga sanaa qabee daraggoonni naannoo sanaa faallaa shororkeessummaa akka dhaabbataniif tattaaffiin godhamaa jiru milkaa’ee jira. Ilmi obboleessa Bihi kan bara 2009 Somalia keessatti ajjeefame garuu carraa kana hin arganne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG