Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Dhiyoo TanaLeenjsitoota Bebeekamoo Lama Dhabe;Soraa Jaarsoo, Zelaalem Destaa.Adoo Maqaa isaaniitin Maan Hojjataniifi wayya?


Itoophiyaan biyya addunyaatti fiigichaan beekamtu,jara kana eennu faatti asiin gahee yoo jedhan leenjistoota isaanii tahuun mirkana.Leenjsitoota atileetota Itoophiyaa leenjsiaa addunyaa irratti beessisan keessaa leenjsiaa Soraa Jaarsoo,barsiisaa yuniversity Finfinnee ka durii,ka Abbebee Biqilaatii fi Maammoo Waldee fa leenjisaa Itoophiyaa addunyaa irratti beessise fa.

Kaana ammoo leenjsiaa Kumaalaa Zelaalem Destaati.Leenjsiaa Zelaalemilleen atileetota Itoophiyaa ta akka Gezzahaanyi Aberraa fa leenjsee addunyaatti beessisee fa.

Wanti namii jechuutti ammoo maqaa fi hujii jara kanaa baduu dhowwuuf wanti tokko maqaa isaaniitiin hojjatamu maltee fa.Yoo daarektera,ogummaa fi teknika Federeshiinii Biyyoolessaa obboo Duubee Jiloo tana irratti wa gaafannellee ammatti waan maqaa isaaniitiin hojjamtuuf lafa jiraa beekuu baadhullee jarii kun nama guddinna atileetiksii Itoophiyaatiif hujii guddoo hojjatee jedhe.

Gama kaaniin Atileetiin Keenyaa tokko Maratoonii Berlin moohatee,rekoordii haaraallee cabsee doolara kuma 100 caalaan badhaafame.Namii Maratoonii km 42 tana moohate Wilson Kipasnag Lammeessoon fi sadeessooleen Keenyuma.
Biyyiti tun gama dubraalleen akkanuma tokkeessoo,lammeessoo fi afreessoo baatee dorgommii tana moohatte.

Taphattoota Premiere League addunyaa gugurdoo keessa taphatanii goolii hedduu galchuutti jiran keessaa;Spanish La Liga keessaa Messi,Ronaldoo Costa fa.Germany Bundsiliga ammoo ijoollee isaan Bosnia Herzogiovinia, Polandii fi Faransaayii bitatanitti goolii hedduu galcheef.

English Premier Leageu keessaa ammoo Daniel Strudge garee Liverpoolti, Kiristina Benteke Aston Villa,Oliver Groud Arsenal,Arson Ramseyilleen Arsenal,kaan ammoo Yayyaa Tureeti Manchester City fa.

Amerikaatti ammoo dorgommi NFL fi NCAA taphachuutti jiran.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:00 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG