Xurree ittiin seenan

Biirolee Mootummaa Amerikaa Ariitiin Banuu Baannaan Dinagdee Addunyaatti Miidhama Jedha Porofeeserii Yuniveristy Harvard

  • Soraa Halakee

Professor Hamzaa Abdurizaaq

Professor Hamzaa Abdurizaaq

Amerikaatti amma biirolee mootummaa Federaala hedduutti bulchootii biyya tanaa bajata irratti wal dhabanii cufaa jiran.

Bajatii ganna itti aanuu yoo cufa Onkololeessaa 1, irratti murteeffama,paartileen biyya bulchan irratti walii galuu baannaan biiroleen hin cufaman.Wnatii amma biirolee mootumama Federaalaa cufsiiselleen tanuma.

Dr.Hamzaa Abdurizaaq,yuniversity Harvard,ta Massachusset jirtutti porofeesera Maallaqaatii fi Investimentiiti.Wal dhabii paartilee ka biirolee mootummaa cufsiise kun maan miidhe jennaan;

"Dignadeen Amerikaa oggaa amman tana wayyoofte lafaa ol kahaa jirtu kanatti namii hedduun dalagaa irraa bahe jechuun rakko guddaa fida…Akka [abbootiin dinagdee] jedhanitti diangdeen Amerikaa harka 1.4 gadi buute."

Bulchooti tun baasii bajataa irratti hurrisanii walii galuu baannaan torbana itti aanaa keessatti maan maan tahaa jennaan.

“Onkololeessaa 17,2013tti wanti kun yoo fala hin arganne…mootummaan liqee fudhate deebisuuf rakkoo itti taati,liqee keessan isnii deebisu hin dandahuu jedha.Kun ammoo diangdee addunyaa jeequu dandaha."

Bulchootti walii galuu baannaan biirolee rakkoon tun akka Dr.Hamzaa Abdurizaaqiitti addunyaallee tahee biyya akka Afrikaa haga tokko rakkoo irra buufti.

Keessumattu biyyootii Amerikaa irraa doolara liqeeffatan, ka biyyaa alaatti doolariin wa bitatan faan akka Dr.Hamzaatti liqeen isaanii itti dhalti,gatiin doolarii gadi buutee wa bituuf dadhabdi.Gabayaan maallaqaa gadi buuti,doolariin hin kasaarti.

Paartiin perzdaanti Obaamaa faan paartii Rippaabilikaanitti karoora bulchiinsa Obaamaa fudhachuu didee mootummaa cufsiisee jedhan.Paartiin Rippaabilikaan faan ammoo paartii Obaamaa faatti caasaa fayyaa waliin geenna jedhee horii balleessee dhaloota borii liqee itti tuuleen namuu wal himata.

Woma taateefuu bulchootii Amerikaa tun biirolee cufamanii hojjattootii Federaalaa kuma 800 ammaaf hujii dhaaban,bulchootii ammoo bansiisuuf balleessaa walti muraa mariitti jiran.

Biiroleen Amerikaa tun cufamuun guyyaatti doolara miliyoona dhibba 300 dhabama.Akka Dr.Hamzaa Abdurizaaq,barsiisaan yuniversity Harvard ta Massachusset jirtu jedhutti rakkoon biirolee Amerikaa cufsiiste tun daftee fala argachuu baannaan,rakkoo tun keessumattu torbaan lamaan dhufaatti dhiba guddaa taati.

Biyyitii haga guddaan miidhamuu dandahan akka jecha Dr.Hamzaatti, biyya dinagdeen isaanii ta Amerikaatiin akk amalee walti jirtu ta akka Meksikoo fa.
Afrikaa keessaa ammo Naayjeeriyaa, Afrikaa Kibbaa,Gaanaa fa.Biyyitii akka Itoophiyaa faan ammatti guddoo miidhamuu dhabuu dandeetti.

Yoo torbaan lamaan duubatti biiroleen cufaman tun banamuu baatan mootummaan liqee biyya gara garaa irra fuudhee baafachu dadhabee,mindaa hojjattootaa kafaluu dadhabee horii dhabee addunyaalleen xoobeen dhaha.

Woma taateefuu akka jecha Dr., Hamzaatti paartii Rippaabilikaanii fi ta Demokiraati rakkoo biiroo cufsiite tana falachumatti jiran,taatullee Rippaabilikaan waan hagana caala falaman hin fakkaatan.

XS
SM
MD
LG