Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa itiyoopiyaa Mormitoota akeekkachiisan


Muummichi ministeeraa H/Mariam Desaaleny biyyatti hoogganuu erga eegalanii waggaa tokkoo as akeekkachiisa isaan kennan keessaa inni miilanaa isa cimaa dha. Ibsa isaanii kanaan hoogganoonni paartilee mormituu hagi tokko obsa mootummaa fixaa jiru jedhan.

Hoogganoonni paartilee mormituu kun paarlaamaa Itiyoopiyaatiin shorokeessaa dha jedhamuun dhaaba waamame Ginboot 7 waliin hariiroo qabu jedhan. Hariiroo akkasii kanneen qaban immoo kan adabamu ta’uu akeekkachiisan.

Gareen shororkeessotaa kanneen akka Ginboot 7, adda bilisummaa biyyoolessaa Ogaden, adda bilisummaa Oromoo, fi al-Shabab paarlaamaa keenyaan dhaaba shorokeessotaa jedhamaniiru. Dhaabolii kana waliin hariiroo hojii kan qabu eenyu iyyuu ni adabama.

Kanaaf ibiddaan hin taphatinaa jechuu dhaan mormitoota isaanii yaadachiisaniiru muummichi ministeerichaa.

Kaayyoon keenya inni duraa nageenya uummata keenyaa eeguu dha. Inni kaan kana booda kan dhufu dha. Kana sirriitti hubachuu qabdu. Seera biyyattii ol godhanii kan of fudhatan irratti tarkaanfii fudhanna. Dimokraasiin kan hojjetu kana keessatti.

Dimokraasiin jeeqama keessatti ykn akka namoonni hagi tokko nuti seeraan oli jedhanii haala yaadan keessatti hin hojjetu. Kanneen ibiddaan taphatan ibiddichumatu isaan guba jedhan.

Gareelee mormituu hagi tokko gareelee shorokeessotaa waliin hidhata qabaachuu isaanii beekna jedhan obbo H/mariam

Gareeleen mormituu hagi tokko Ginbot 7 waliin hariiroo qabu. Nutis isaan beekna. Ragaa ga’aa qabna. Yeroo ammaatti hariiroo qabu. Kan nuti barbaannu garuu ragaa mul’ataa ta’ee dha.

Haala isaa of eeggannoo dhaan hordofaa jira. Sana booda murtiitti isaan dhiyeessina. Yeroo isaa eeggata malee arguuf jirtu jedhan.


please wait

No media source currently available

0:00 0:04:30 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG