Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileeti Dheeressa Cimsaa Maratoonii Torontoo Moo’e,Real Madrid Ammoo Tapahta Kubbaa Miilaa UK,Gareth Bale,$Miliyoona 200 Taatun Bitatte



Dheressa Cimsa
Dheressa Cimsa
​Dheeressaa Cimsaa,atileetiin Itoophiyana 2009 Chaampiyoona Atileetiksii Addunyaa moohe,Maratoonii Dubaahii 2012tti ammoo rekordii haaraan.Maratoonii Degguulleetti akkanuma moohe.

Kalee ammoo maratoonii Torontoo, Canada Waterfront rekordi haraa 2:06:05 moohe. Dheeressaan rekordii atileetiin Kenyaa,Kenneth Mungara duraan harkaa qabu caalee moohe.Rekordii haaraa itti argate Atileetiin Itoophiyaa ka dhibiin Asefa Habtamu sadeessoo Ayenewu Mekunat 10essoo bahe.

Dorgommii kubbaa miila ijoollee gannii 17 ammoo U-A-E keessattui taphachuutti jiran. Afrikaa Nigeria,Cote Divore,Moroco fi Tunisiayati dorgommii tana keessa jira.
Gama kaaniin ammoo Waanca Kubbaa Miilaa bara 2014 Braziltiif haga ammaatti biyya 21 dabree 11 dabruuf falachuutti jira.

Gareth Bale,gurbaa ganna 24 Real Madriditti $Miliyoona 200 dhiyaattuun bitate.

Gareth Bale
Gareth Bale
Gareth Bale Lakoofsa 11 keyyatee moggaa tapahta.Dheeraa mataa luuccaati metiri 1.83.Mindaan isaa ka baranaa doolara miliyoona 15ti kuma 600 ti.
Nama kana ganna 6n duratti Euro miliyoona sadiitiin bitatan amma ammoo deemuma deemee gabayaan isaa Euro miliyoona 100 seeneteef.

Warrii akka isaa horii guddaan bitaaa dhufan;Diago Maradona Euro miliyoona 5tiin bitatan,Zinaddiin Ziidan miliyoona 60, adoo Cristiano Rolando Euro miliyona 80,Gareth Bale ammoo miliyoona 100 taate.

Warrii amma hori guddaan bitame;Edison Cvani,Radame Fallaco,Neymar,Mesut Ozil fa. Kilbaiin tapahttoota horii guddaan bitachuun beekamtu ammoo

Moncao,Manchester City,Paris Saint Germany,Chelsea fi Real Madrid fa​

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG