Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hacaaluu Hundeessaa fi Abbush Zelleqee Sirba Isaanii Haaraa Dhiyoo Amerikaa Irraa Gabayaatti Gadi Lakkisan




Hacaa Hundeessaatii fi Abbush Zallaqaatti Waan CD Isaanii Haaraa Dubbachuutti Jira
Hacaa Hundeessaatii fi Abbush Zallaqaatti Waan CD Isaanii Haaraa Dubbachuutti Jira
Sirbitootii Oromoo afran biyyaa dhufan, Jaamboo Jootee,Nigusuu Taammiraat, Hacaaluu Undeessaatii fi Abbush Zelleqee eegii biyyaa dhufanii kutaa Amerikaa akka akkaa irra maranii sirbuutti jiran.

Hacaaluun CD isaa haaraa Waa’ee Keennaa keessatti waan Oromoon keessa jiru,oolmaa fi bultii isaatii fi waan innii itti jiru sirbe jedha.

Hacaaluu Hundeessaa
Hacaaluu Hundeessaa
Abbush ammoo CD isaa haaraa Jaala Jiloo keessatti “aadaa fi seenaa qamnu wal barsiifachuuf aadaa walti qabee sirbee,” jedha.

Sirbii isaani kun gabayaa internet irraa Amazon,itune fi fulaa akka akkaatti sirboota Afrikaa keessaa Amazon MP3 download irraa bitachuuf waraabbaman ka Hacaaluu tokkeessoo ka Abbush ammoo lammeessoo tahan.

Jarii kun yoo dhiyoo studio VOAtti dubbifnellee rakkoo sirba Oromoo,qooda artiin seenaa ummata tokkoo guddisuuf qabaattu, jaalala ummatii artistootaa qabu,aadaa artii fi seennaa Oromoo guddisuuf waan nama biyya alaa irraa eegan,midhaaguma waan ufii qabaachuutii fi waaan hedduu nutti hime.

Abbush Zelleqee
Abbush Zelleqee
​Akka Hacaaluutti sirbii Oromoo sadarkaa addunyaa irra gahuun ballinnaa fi seenaa ummata kanaa agarsiisa.

Abbushii fi Hacaaluulleen jaalala ummatii biyya keessaa fi biyya alaatti isaan agarsiisetti akka isaan jabaatanii hojjatan isaan tolche.Yo asi deebinellee yoo humna jabeeffanne studio keenna banannee rakkoo guddoo studio dhabiitiin nutti fidde ufi irraa hambifna jedhan.

Jarii afranuu Amerikaa gama Kaabaa Canda dabalee biyya gara garaa keessa yaahee sirbuutti jira.Sirba isaanii haaraa kanallee dhiyoo tana MN,Amerikaatti gabayaatti gadi lakkisan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:42 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG