Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obboo Najiib Abbaa-Biyyaa Faan Doolara Biliyoona Hedduutiin Oromiyaa fi Naannolee Itoophiyaalletti Misooma Hojjachuutti Jiran


Obboo Najiib nama Itoophiyaatii,Kanaadaa jiraata,dhiyoo tana humna ibsee ka Itoophiyaa haga ammaatti hojjatteenii hin beenne maqaa porojeektii Rift Valley, Geothermal jedhaniin ibsee fi huji ibseen hojjataniin hujiittit jira.Hujii naanno Oromiyaa,Shaashamannee,ganda Korbeettiitti jalqaban tana birrii biliyoona 80tti itti bahe.

Yoo hujiin tun dhumatte nama Itoophiyaa dhiisii biyyoota ollaa isiitiiyyuu ta akka Somaalee,Keenyaa fi hedduuf ibsee galchuu dandeetti jedha.Tana tolchuuf ammoo dhaab isaanii Rift valley Geothermal jedhan, korporeshiini telekomunikeeshiini Itoophiyaa waliin tahee hujii tana kalee walii mallatteesse.

Hujiin Geotermal tun akka obboo Najiibitti hujii horiin guddaan itti bahu ta biyyiti akka Itoophiyaan faan akka feetetti hojjatteenii hin beenne.

Hujiin tun ganna lamaan duubatti ummataa bu’aa buusuu jalqabdi,Korbeettiin hujii tana itti hojjatan tun qorannoo ganna shaniitiin bisaan lafa jalaa km sadii ka bididdaa keessa jiraatti jira. Sun akka humanaatti jijjiiranii ibsee biyyaa galchuu dandahan jedha obboo Najiib.

Gama kaaniin ammoo obboo Najiib faan Oromiyaa keessa lafa akka Mooyyalee, Daawwaa, Goolii fi Mandii,Shiree, Najjoo,Affaar fi Binishaangul faatti hujii akka warqi baasuu fi xaahoo baasuu hojjachuutti jira.

Yoo walti deebisan obboo Najiiba faan Oromiyaa dabalee naannoo akka akakatti maqaa gara garaatiin doolara biliyoona hedduuttiin investimentii hojjachuutti jiran.
Obbo Najiib biyyiti kennattu koottaa misooma hojjadhaa jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:31 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG