Xurree ittiin seenan

Tsegaayee Kebbedeetii fi Bizunesh Dhaabaa Maratoonii New Yorkitti Lammeessoo Bahan, Gareen Tapaha Qillee DC,Ammoo Ta Florida 3-2 Moote

  • Soraa Halakee

Maratoonii Addunyaa NY,Amerikaa namii kuma 50 irratti dorgome dhiiraa fi nadheenilleen Keenyaatti moohee,Itoophiyaan ammoo dhiiraa fi nadheenilleen lammeessoo taate.

Dorgommiin ING NY Maratoon jedhan tana Atileetotii Keenyaa Gefrey Mutaahii fi Priscah Jeptoo moohe.

Itoophiyaa Bizunesh Dhaabaa ta Bronx NY jiraattutti fi Tsegaayee Kebbedeelleen akkanuma lammeessoo bahe.Jepeeetoo Keeniyaa maratoonii km 42 tana 2:25:07 moote Jeffreyn ammoo 2:08:24 moohe.

Dorgommii maratoonii NY tana kaamera 1500,saree bombi suuftu 49 fi poolsii hedduutti lafa eegaa walumattu doolara miliyoona tokkootti lafaan eeguuf ittti bahe.Namii dorgommii tana moohe doalra kuma 100 harata.

Gama kaaniin ammoo dorgommii addunyaa U-17 ijoollee gannii isaanii 17 gadii ta biyya UAE-tti taphachuutti jiran Naayjeriyaan waancaa dabartee Sweden waliin taphachuuf qophii jirti.

Dorgommii kubbaa miilaa ijoollee ganna 17 gadi U-A-E Emirate Arabaatti tapahachuutti jiran. Dorgommii addunyaa tana biyya 24 tapahtaa;Afrikaa keessaa Ivoracy Coast, Moroko,Naayjeeriaa fi Tunisaatti dorgomee oli dhiyaate.


Dorgommii waancaa kubbaa miilaa Addunyaa,wadlaan Federeshiinii Kubbaa Miilaa Addunyaa FIFA, bara 2014 Biraazilitti qopheessan haga hardhaatti biyya 21 dabaree,11 eeguutti jiran.

Afrikaalleen dorgommii walumatti jiranii Naayjeeriyaa fi Ethiopian tapha lammeessoo torbaaniin duubatti Naayjeriyaa Calabaritti tapahtanii ka drogmmii tanaa dabruuf hafullee gaafas keessaa beekan.

Dorgommii Qillee Amerikaa(Hockey Game)


Garee Qillee(Hockey) DC,Washington Caps., fi Ta Florida,Panthersitti Istaadiyoomii Verzioniitti Taphatee, Caps 3-2 Panthers Moote

Garee Qillee(Hockey) DC,Washington Caps., fi Ta Florida,Panthersitti Istaadiyoomii Verzioniitti Taphatee, Caps 3-2 Panthers Moote

Taphii kun dorgommii Amerikaatti guddoo beekaman keessaa tokko.Durii kanadaatti guddoo beekkamullee amma Amerikaa fi biyya hedduu waliin gahuutti jira.
Dorgommii baranaa ji’aan duratti jalqaban,dorgommii gareen DC,Washington Caps.,fi Florida Panthers waliin taphatanitti Caps 3-2 moote.

Dorgommii tana dirree cabbii irratti taphatanii,warrii taphatu ammoo kophee goommaa wqabdu keeyyatee cabbii irratti taphata.

XS
SM
MD
LG