Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayjeeriyaan Itoophiyaa 2-0 Mootee Dorgommii Waancaa Addunyaatii baaftee,Masriilleen Abdii Hin Qabdu Jedhan


Naayjeeriyaan tana waliin marroo shan dorgommii waancaa addunyaatii dabarte.Jarii barana biyya tana moohachiise Victor Moosesitii fi Victor Obiinaa faa.Goolii jari galchetti Naayjeeriyaa waancaa addunyaatii dabarse.

Mooses daqiiqaa 20essoo irratti goolii keessaa buusee Obiinaan ammoo daqiiqaa 82essootti goolii tokko irra buusee dubbiin 2-0 dhumte.Itoophiyaalleen hujii jabduu dandeettii kubbaa miilii isii guddifachuuf ganna 30tiin duubatti jalqabde barana asumatti dhaabde.

Gama kaaniin biyyootii Afrikaan gama Dhiyaa Naayjeeriyaa,Kameroonii fi Kotdivoor nugusa kubbaa miilaa tahuu isaanii ya mirkanefatanii waancaa addunyaatii dabaran. Masriiin duruu Gaanaa waliin taphaattee 6-1 moohamte taanillee yoo falii jabaan dhufu malee dorgommii Braziliiif dabruuf abdii hin qabdu jedhaniin. Burkiinaa Faasoolleen boruma tapathanii abbaa jala aanu ilaalla.

Addunyaa keessaa ammoo Kirooshiyaa fi Iceland,Swidinii fi Portugal,Fransyaasii fi Ukreeyin,Romaniyaa fi Greece,iftaan ammoo Newzelandii fi Meksikoo,Uraagaayii fi Jordanitti taphata.

Atileetiksi:
Atileetotii Itoophiyaa Imaanee Margaatii fi Hiyowt Ayaalewu dorgommii qaxxaamura addunyaa Atapuerca,Spainitti qopheessan irratti tokkeessoo bahan. Atileti Husseen Booltii fi Fraser-Pryce lachuu Jamica atileetota baranaa jajjaboo jedhamanii doolara kuma hedduu badhaafaman

Algeriyaa fi Dorgommii buunyaa,boksi keessaa ammoo David Hayes, ka UK Kaan jechuu lafeen gurmuu isaa waan milixxeef akka boksii dhaabu doktoriin isaa itti hime.Hajaji kun isaa fi nama boksii jaalatullee rifaatii guddoo.

Rugby,dorgommii kubbaa harkaa miilalleen tapahtan
Dorgommii Rugby addunyaatti dabarra.Rugbyn dorgommii biyya haga tokko keesstti guddoo beekmatu.Dorgommi waancaa addunyaa ka baraanaa torbaan sadiin duratti Englaandiitti jalqabanii biyya 14 tapachaa bahee afurtti walti hafe.Haga ammaaa marroo 25 tapahtan.Amma Newzealand,Fracne,England fi Scotlanditti walti hafe.

Dorgommii tana daqiiqaa 80 tapahtanii daqiiqaa 40 irratti boqotan.Nama 15 15 taphata.Kubbaan isii affalitti wayiitii harkaa fi miilalleen wal qixxee taphatani, qabanii wal irraa fudhatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG