Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyaa Ormaa keessatti dhalatanii guddachuun biyya ofiif quuqamuu nama hin dhorku


Ijoolleen biyyootii alaa keessatti dhalatanii guddatan yeroo hedduu naannoo maatiin isaanii irraa dhufan yoo dhaqanii hin argin, haalli jireenyaa fi barnootaa kan ofii keessa jiran itti fakkaachuu mala.
Naannoo hidda dhalata isaanii dhaqanii yeroo daawwatan kan isaan argan tilmaama isaanii ala ta’ee argu. Arguun amanuu dha akkuma jedhan shamarreen nuti haasofsiisne Urgee Dinagdee kan ija iseetiin argite ijoolleen ganda maatiin ishee keessaa dhufan itti jiraatan boqonnaa na dhorkee jette.

Haalli manni barnootaa isaanii fi akkaataan jireenya isaanii wayyaawuu qaba, ijoolleenis barnootaaf waan isaan barbaachisu argachuu qabu jetti. Naannoon itti dhalatanii fi maatiin irraa dhalatan utuu nama hin daangessin guddinaa fi daandii kan ta’e barnoonni ijoolleetti hanqachuu hin qabu kan jettu shamarreen kun ijoollee kana gargaaruuf mul’ata keessa isheetti dhalateen dhaaba bu’aaf hin hojjenne kan “insight edcucate for equality” jedhu hundeessite.

Kanneen mul’ata ishee deggeran waliin projektiiwwan adda addaa irratti hojjechuuf karoora baafatanii sochii eegaluu isaaniis nuuf ibsitee jirti Urgeen.

please wait

No media source currently available

0:00 0:11:47 0:00
Xurree marsariitii


please wait

No media source currently available

0:00 0:01:28 0:00
Xurree marsariitii


Waa'ee dhaaba INSIGHT Educate for Equalit ybaruu yoo feetan marsaaritii kana daawwadha www.insightee.org, yknwww.facebook.com/insightee.org, Twiteriin dhaaba kanaa Twitter/Instagram: Hojii isaanii deggeruuf marsariitii kana daawwaadhaa www.givenow.com.au/insightee.org
XS
SM
MD
LG