Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoonni wal doorsisuun dhphina sammuuf isaan saaxila


UH-LAH-nuh BYOUR-ak mana barnootaa sadarkaa lammataa North Carolina keessa baratti. Waggoota sadii dura ishee fi hiriyoonni ishee furbaa yeroo waliin dabarsu turan. Hiriyoota walitti dhiyee turan, ykn iseetu akkasitti yaaddi turte.

uh-LAH-nuh BYOUR-ak Laaqana waliin nyaanna. paartii yoo qabaanne waliin deemne, dhoksaa keenya illee walitti himna. guyyaa tokko isaan dhiiseen garee durboota kanneen biroo waliin laaqana nyaachuun murteessa. Kun rakkoo qaba hin seene jette.

Kun garuu rakkoo uume jetti Burack Garee hiriyoota kootiinan moggaatti qoodame. Waan akkasii gochuun siif hin eeyamamu naan jedhan. Nu waliin ta’uu qabda. Namoota ka biroo waliin taa’uun siif hin eeyamamne. Yeroo sanatti ijoolleen kun dhuguma hiriyoota koo tii? jedheen yaade. Yeroon waliin dabarsine sun martinuu anaan to’achuuf, waan ani gochuun na irra jiru natti himuufiin jedhe jetti.

Burack waa’ee hiriyummaa ishee ilaalchisee durboota sanatti dubbachuuf murteessite.

Na deggeruu, na gargaaruu fi na jajjabeessuutu isin irra ture. Sana gochuun keessan natti hin tolle. Isin waliin deebi’ee michoomuun natti hin fakkaatu jette.

Elana burack ijoollee 80 ol ta’an kanneen shakala keessa darban ilaalchisee kitaaba “Under Attack: jedhu keessatti yaada isaanii hirmaatan keessaa ti. Kitaaba kana keessatti seenaan barreeffame seenaa dhugaa ijoollota doorsisi irra ga’eef dorsisa sana arganiin barreeffame.

Stephanie Meyer gaazexaa ji’atti si’a tokko maxxanfamee ba’u ijoollee dhuma dagaggoon barreeffamu qopheessuu, fi gulaaluu gargaaru. Ijoolleen wal doorsisuun kun dargaggoota biratti rakkoo guddaa uumee jira jedhan. Namoonni hagam wali irratti hammina akka yaadan dhaga’uun baay’ee nama gaddisiisa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG