Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoopiyaa Lammii isaaf hin quuqamu jedhu mormitoonni


Kaleessa jechuunis sadaasa 22 bara 2006 marii uummataa paartiin MEAD kaleesse qopheesse irratti ture yaadawwan kun kan ka’an.

Jalqaba wal ga’ichaa irratti haasaa kan dhageessian ogeessa seeraa kan ta’an Dr. Yaqoob H/Mariam fi Yuniversitii Finfinneetti barsiisaa falaasumaa kan ta’an Dr. Daanyaachew Aserfa turan.

Yaadi Dr. Yaqob H/Mariam furmaata rakkoo sanaa arguuf jalqaba maaliif akka uumame irratti fuuleffachuu barbaachisa waan jedhu fakkaata. Kanaaf jecha biyyaa baqachuu kan uume sirna siyaasaa ta’uu dubbatu.

Ragaa dhaaba godaantummaa kan sadarkaa addunyaa tuquu dhaanis Itiyoopiyaan hayyoonni biyya ishee keessaa godaanuu dhaan sadarkaa duraa irra jirti jedhan.

Sababaa baqattummaa kana uumes dubbatanii jiru. Akka jecha isaaniitti lammiin Itiyoopiyaa tokko naannoo hojjetee qabeenyaa horate waggoota hedduuf jiraate irraa naannoon kee as miti jedhamee yoo ari’atame baqtee yoo biyyaa ba’e nama hin jaa’ibu.

Waggoota hedduuf barnoota isaa ciminaan hordofaa ba’ee hojii argachuuf yeroo dorgomu yoo miseensa paartii biyya bulchuu taate malee hin mindeeffamtu yoo jedhame biyyaa baqachuun isaa waan nama ajaa’ibu miti kan jedhuu fi ragaa dha kan ittiin jedhan tarreessaniiru.

Sirnichi itti gaafatama dhabuun haala jiru hammeessuu isaas ibsaniiru. Saaud Arabiyaa keessatti lammiiwwan Itiyoopiyaa irratt raawwates yakka sadarkaa addunyaa ti kan jedhan Dr. Yaqob. Ykki sun qindoominaan kan hojjetame yakka farra namoomaa ti jedhaniiru.

Lammiiwwan yakki kun irratti raawwatame gumaa argachuu qabu, mootummaan badii dalages waltajjii TM irratti dhiyaachuu kan danda’u ta’uu tuqanii kana gochuu kan danda’us mootummaa Itiyoopiyaa qofa ta’uu ibsaniiru.

Yuniversitii Finfinneetti barsiisaa falaasumaa kan ta’an Dr. rakkoo uumameef sababaan deebii mootummaan kenne jedhan.

Mootummaan lammiiwwan isaa gargaaruuf deebii ga’aa hin kennine jedhan. Lammiin isaa yeroo reebamu hin quuqamne wal nu lolchiisuuf maqaa jedhuun paartileen akka semayawi paartii hiriira mormii yeroo ba’an reebicha irratti raawwatan kun ajaa’iba jedhan.

Angawoonni mootummaa garuu lammiiwwan Itiyoopiyaa Saud Arabiyaa jiraataa turan irratti tarkaanfilee barbaachisuu hariiroo diplomaasummaa sadarkaa addunyaa irratti hundaa’an fudhataa kan jiran ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan lammiiwwan Itiyoopiyaaf hin quuqamu himannaa jedhus irra deddeebi’uun fudhatama dhabsiisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG