Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan Nama Beekamaa Dhabde


NEELSEN MAANDEELLAA
NEELSEN MAANDEELLAA
Ijoolleen barattootaa dungoo qabsiisuu fi suraa Maandeellaa qabatanii sirna sagadaa kan yaadannoo isaanii irratti
Ijoolleen barattootaa dungoo qabsiisuu fi suraa Maandeellaa qabatanii sirna sagadaa kan yaadannoo isaanii irratti
Erga du’uun Mandeellaa radio fi TV labsamee booda Naannoo mana jireenyaa Nelson Mandeellaa daandileen ni cufaman.

Gandeen Johansubure martinuu fi magaalaaleen naannoo jiranitti uummati itti yaa’uu jalqaban. Kaan isaanii daraaraa kaan immoo alaabaa afriikaa kibbaa fi dungoo qabartnii argamu.

Du’uun maandeellaa akkuma dhaga’emeen akka lakoobsa biyya sanaatti halkan keessaa sa’aatii torbaa jalqabee uummatichi Madibaa, madiibaa jechuu dhaan waa’ee yaadannoo isaanii faaruun dhageesisuu dhaan naannoo mana isaaniitti wal ga’e.

Uummati gaddaan liqmfame halkan guutuu gara mana Mandeellaatti yeroo yaa’u helikopteroonni samii irra balal’iiaa poolisiini fagoo dhaabachuu dhaan uummata gamasitti yaa’u to’ataa ture.

NEELSEN MAANDEELLAA
NEELSEN MAANDEELLAA


Hoogganoonni naannoo addunyaa du’uu Mandeellaa ilaalchisee gadda isaanii ibsaa jiran.

presidentn Ameerikaa Barak Obama kanneen keessaa tokko. Hoogganoota amantiif biyyootii hedduu kan akka Desmond Tutu, presidentii Afriikaa kibbaa Jacob Zuma, barreessaa duree TM ban Ki Moon, muummicha barreessaa TM duraanii Kofii Annan fi hooggantuu mirga demokraasii lammii Barumaa Aung San Suu Kyi Kanneen ergaa dabarsuun gadda itti dhaga’ame ibsan hedduu keessaa ti.

please wait

No media source currently available

0:00 0:22:56 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG