Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jeneral Taaddasaa Birruu, Kumaalaa Guutaa Dinqaa,Kol. Fiqaaduu Waakkannee fi Kumaalaa Fiqaaduu Dibaabaa Maandellaa Waan Hedduun Qarqaaran



Bitaa Garaa Mirgaatti,Jeneraal Taaddasaa Birruutii Fi Perzdaanti Nelson Mandellaa
Bitaa Garaa Mirgaatti,Jeneraal Taaddasaa Birruutii Fi Perzdaanti Nelson Mandellaa
Perzdaantiin Afrikaa Kibbaa ka durii,Nelson Maandellaa nama addunyaan waan hedduun faarsitu.

Akka xiinxalyaan siyaasaa Jawaar Mohaammad yuniversitii New Yorkii jirtu irraa jedhetti wannii Maandellaa jaalauuf “nama kana nama bilisummaa sabaatii fi ummata isaatiif falmeen jaalatama… jaarmiyaa paartii Afrikaa Kibbaa bulchitu, ANC jijjiiree paartii ummataa godhee.Ummatii cunqurfamoon addunyaa ammoo isa akka fkn laalan.”
Akka Jawaaritti wanti Maandellaa biyya alaatti akkana jaalataniif bara Maandeellaan hidhaa bahe sunitti:

“Oggaa innii qabsoo san injifannoon irra aanee mana hidhaatii bahu san sodaan guddaan… ummata isaa sun qabatee ummata adii biyya san jiru biyya sanii hari’uu, biiluu bahuu dandahaa sodaa jettutti jira..sun ammoo hin taane.”

Dubbii tana araaraan fixuutti akka Maandellaan jaalatamu tolche.Gama kaaniin ammoo Maandellaan gaafa leenjii waraanaatiif Finfinnee dhufe jeneraalii waraanaa bara sunii Taaddasaa Birruu jalatti leenjifame.

Itti gaafatamtootii waraana Oromoo ta bara 1960s keessaa tun Jeneraal Taaddasaa Birruu, Koloneel Fiqaaduu Waakkanneetii,Kumaalaa Fiqaaduu Dibaabaatii fi Kumaalaa Guutaa Dinqaa faan Perz.Maandellaa leenjisanii nagaa isaallee eegaa bahe.haga Maandellaan Finfinnee jiru sunitti leenjisaa waan hedduun gargaaraa bahan.

Kumaalaa Guutaa Dinqaa akka Maandellaa ijjeesu sobamulee “sobamuu didee lubbu Maandeellaa oolche.”

Gaafa Maandeellaan leenjii fixatee Afrikaa Kibbaatti deebihullee kumaalaa Guutaan shugguxii tokkoo fi rasaasa 200 Maandellaa kenne.Jennaan Maandellaan poolisiin itti dhufnaan shugguxii sun gatee ammallee horii guddaan barbaaduutti jiran.

Gama kaaniin ammoo dhaabi fiilmii Amerikaa baasu Holly Woodii fi ka Afrikaa Kibbaalleen seenaa Maandellaafaa shugguxi Maandellaa ta baddee fi seenaa Oromoota isa waliin turanii irralleetti wa hojjachuutti jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:17:25 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG