Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaa,Masrii fi Suudan Ammajii Dhuftu Kora Hujii Hidhaa Abbayaa Irratti Mari’atutti Deebi’an


Biyyitii tun sadeen tana waliin marroo sadii hujii Hidhaa Abbayyaa irratti mari’atan. Minsitertoota bisaanii fi Inerjiitti akkana kora taa’a.

Dhiyoo tana Suudan,Kaartum keessatti marii taa’anii korii Ammaji dhufuullee achumatti taa’a.Hidhaan Abbayaa tun akkamitti deemitii,karoorii hujii tanaa maan tahuu malee fi waan hedduu mari’atan.
Kora dhiyoo Kaartuumitti taa’e irratti yaada isaan irratti walii hin galiniitti jiraaf ji’a dhufutti qabatan.

Masriin yoo hedduu hujiin Hidhaa Abbayaa tun bisaan nu qamnu nurraa diqqeessiti jettee himatti,Itoophiyaan ammoo tun dhugaa miti jetti.

Koreen addunyaalleen, hujii Hidhaa Abbayaa tana laaltee waan isaanti fakkaate biyya tana sadeenitti kennan.

Biyyooti tun sadeen,ta amma mariitti jiran eegee ammoo Koree addunyaa sun dhiisanii ufuma koree filatanii dubbii tanatti deebihuuf walii galan.
Obboo Alemaayyoo Tegenuu,Ministera Bisaanii fi Inerjii Itoophiyaati.

“Walgahiin kun halaa walii galuu hin dandahin hundaau irratti mari’ate…walgahii gaarii jechuu dandeennnaa…tahus dhimmoota bulanitti jiraa isa kana ammoo Ammajii 4 fi 5 itti deebina jennee bulfanne.”

Taatullee obboo Alemyaaoon marii Muddee 4 fi 5 Kaartuumitti taa’an irratti wantii Masriin akka Itoophiyaan hujii Hidha Laga Abbayaa kana diqqeessaa hojjadhaa jettee jedhanii kora irratti dubbattee jedhan dhugaaniti jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:47 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG