Xurree ittiin seenan

Breaking News

Huseen Boolti, Sebastian Vettel, Cristiano Ronaldo fi Serena Williams Atileetota Jajjaboo Bara 2013 Jedhanii Badhaasan


Addunyaan bara 2013 dorgommii akka akkaa keessa turte.Atileetotaa fi kilaboota hedduutti badhaafame.Badhaasa atileeotaa Waldaa Gaazexeessitota Addunyaa AIPS-Internationla Sport Press Association jedhanitti kenna.Itoophiyaalleen miseensa waldaa kanaati.

Akkuma taateefuu warra barana gama atileetiksiin IAAF, barana qofa marroo haga 500 caalaa atileetota wal dorgomsiise.

Akkuma kanaan atileetota fi kilaboota gara garaa athletes of the year jedhanii badhaasan.Gama maratooniitiin akka walti qabaatti Keenyaatti moohee Itoophiyaan ammoo dorgommii Track ykn dorgommii Istaadiyoomii irraa tokkeessoo taate moote.

Waldaan Gaazexeessitota Ispoortii Addunyaa ka AIPS jedhan kun atileetii Jaamayikaa Huseen Boolti,ka marro jaha olompikii fi dorgommii addunyaa gara garaa marro saddeti moohe athlete of the year jedhee badhaase.Xurunesh Dibaabaa, Meseret Deffaarii fi Mohammad Amaan faan ammoo dorgomanii dhaban.
Dorgommii tana gaazexeessitota 470 biyya 96tti abbaa filu fila.

Gama kaaniin ammoo namichii dhalootaan Germany ka amma Awustiraaliyaa dorgomu ka makiinaa dorgommii Formula One jedhan moohachuun beekamu Sebastian Vett atileetii baranaa ykn athletes of the year jedhamee badhaafame.

Dorgommiin Formula 1 jedhan tun dorgommii makiinaatii garee 11 nama 22 irratti dorgoma bara 1950 keessa jalqaban.

Gama kaaniin ammoo Federeshiiniin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa,FIFA taphataan kubbaa miilaa beekamaan dhalootaan Portugal ka kilabii Real Madiridii taphatu Cristiano Ronaldoolleen akkanuma taphataa baranaa beekamaa jedhee badhaase.Ronaaldoon nama ganna 28ti barana qofa goolii 69 galche.

Dorgommii tana taphataa kubbaa miilaa Faransaay beekamaa Franck Ribery,ka dhalootaan Argentinaa ka amma FC Barcelona taphatu,Lonel Messii fi Ronaldoo faatti dorgome.

Kilabiin Jermanii,Baayer Muunikilleen warra kilabii jajjabduu baranaa jedhamtee badhaafamte.Kilabiin tun barana kana moohamteetuu hin beettu.
Kubbaa saaphannaa keessaa ammoo kialbii Amerikaa Miami Heatitt badhaasa kana argate.

Kilabii Rugby keessaa ammoo ta New Zealanditti badhaafame.

Serenia Williams nama Amerikaa ta Teensii Dirree taphachuun beekamtu.Isiillee akkanuma badhaafamte.Gama kaaniin ammoo dorgommii EPL ta kaleetti Arsenal Newcastle 1-0, Chelsiin Liverpool 2-1 mootee ganna haaraatti dabaran.

Waldorgommiin waldaa taphattoota Teensii Dirree Addunyaa ATP Wolrd Toure jedhan hardha,Muddee 30,2013 Doha Qataaritti jalqabanii Ammajii 4 bara 2014 dhumatti.

Taphattoota teensii addunyaa bebeekamoo akka Rafael Nadalii, David Ferrer,Andy Murray,Tomas Berdych fi Richard Gasquet faatti irratti wal dorgoma.Namii dorgommii tana moohate doolara miliyoona 1 caalaa argata.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:23 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG