Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii CHAN Itti Jiranii Guyyaa 3tti Goolii 12 Galee, Afrikaa Kibbaa, Gaanaa, Ugaandaa, Maalii fi Liibiyaatti Moo'uutti Jira


Afrikaan Kibbaa tapha kana irratti Mozambiki 3-1 moote
Afrikaan Kibbaa tapha kana irratti Mozambiki 3-1 moote
Addunyaan torbaan dabree fi torbaan kanallee dorgommii akka akkaatti jirti.Afrikaatti dorgommii CHAN,Shaampiyoonaa Afrikaa Ammajii 11 jalqabanitti jiran.Haga ammaatti goolii 10 caalaatti gale.


Akkuma kanaan Afrikaan Kibbaa Mozambiki 3-1,Ugaandaan Burkiinaa Faasoo 2-1, Maaliin Naayjeeriyaa 2-1,Zimaabuwwee fi Morookoon 0-0 fi Gaanaan ammoo Koongoo 1-0
Liibiyaa Itoophiyaa 2-0 moote.

Tapha kana biyya 16 fulaa afuritti bahee taphachuutti jira
Tapha kana biyya 16 fulaa afuritti bahee taphachuutti jira

Itoophiyaa fi Liibiyaan abdiin taphatti dhufan.Itoophiyaa ganna 30keessatti ganna dabre waancaa Afrikaatii, eegee ammo biyya 5n Afrikaa fulaa bu'anii waancaa addunyaatii dabaran tahuuf guddoo hojjattee jabeenna ufii mullifatte.

Liibiyaalleen eegii bara 2009 waancaa Afrikaati dabrtee taphachaa baate Kooti Divoorin hujiin isii harkatti hafte.

Woma taateefuu Liibiyaan qaraa daqiiqaa 4esso irratti Elmutasem Abushanaf,daqiiqaa 83essoo iratti ammoo Abdelsalam Omar goolii galacheefii Itoophiyaa 2-0 mooote.Gama atileetiksiiitiin ammoo atiletiin Eertiraa dorgommmi biskileettiin addunyaatti beekamu Natnahel Birhaanee akka marsaan interneetii African Top Sport baasetti Athletes of the year, atileeti bara 2013 beekamaa jedhamee badhaafame.


Milboorni,Awustiraaliyaatti ammoo dorogmmii teensii addunyaa, Australian Open,hardha jalqaban.Warrii tapha kanaan addunyaatti beekame ka akka Novak Djokovic fi Andy Muraayi fa waliin nama hedduutti haga torbaan lamaa taphataatti jiraa abbaan moohate doolara mliyoona sadiitiin galata.


Amerikaatti ammoo dorgommiin guddoo beekamtu ta NFL,National Foot Ball League ykn dorgommii kubbaa harkaa fi miilaa Amerikaa jedhanitti jiran.Ganna dabre jalqabanii ji’a dhufu dhumatti.Kilaboota 32tti damee NFL lamaan; AFC,fi NFC walti dhufee waliin taphata.


Akkanuma jechaa kilabootii afur waancaa NFL, ka Super bowl jedhanii walti hafe.Kilabootii tun abran New England Patriots, Denver Broncos,San Francisco 49ers fi Seattle Seahawks fa. Abbaan Ammajii 19 moohee,Gurrnadhalaa 2,Superbowl wal dorgoma.


Oduu gaggbaabdu keessaa ammoo dorgommii Kilabii kubbaa miilaa Xaliyaanaa,AC Miilaan manager isii Massimiliano Allegri hujii irraa dhaabde.


Taphataan kilabii Mancity Samir Nassir tapha kalee,Ammajii 12,New Castle waliin taphatanii 2-0 moohan irratti ribuun jilba isaa waan oli rifattee miiliii isaalleen micciiramee torbaan saddeetiif tapha dhaabe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG