Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ilmaan Obboo Dibaabaa Fiigicha Addunyaa Moohumatti Jiranii ,Genzebeelleen Dorgommii Jermenii, M1500 Rekordii Haaraan Injifatte



Genzebee Dibaabaa
Genzebee Dibaabaa
Ijoolleeen obboo Dibaabaa, Ejegayehu Dibaba, Genzebe Dibaba fi Dejenee Dibaabaa ollaa keessaa dhalatan Arsii Boqojjii fi Oromiyaa qofaa miti Itoophiyaayyuu akkanuma addunyaa irratti beesissuuttijiran.

Jarii kun cuftii warra fiigiachaan addunyaa irratti beekkamu. Moohannaa tana akka waan dhaalaan walii dabarsanii waluma irra marsaa moohachaa yaahan.

Genzebee Dibaabaa
Genzebee Dibaabaa
Genzebeen ganna 22 tun haga bara haga Oromiyaa,Keneyaa jalqabdee haga dhiyoo Jermaniitti cufa moohumatti jirti.Fiigicha metiri 1500 guyyaa dheengadaa, Gurrandhalaa 1,bara 2014 Karlsruhe,Jermanitti dorgoman iratti 3:55:17tti mootee rekordii haaraa aragatte.




Olompikii Raashiyaa
Gama kaaniin ammoo USA dorgommii Winter Olympic,Gurrandhalaa 7,1014 Sochii Russiatti jalqabaniif atileeota 230 ergatti nama isiin dorgommii qopheeffattee keessaa tokko ka ganna 15ti.Dorgommii tana irratti atileetota 2,500 biyya 88 dhufee cabbii irratti wal dorgomaa. Afrikaa keessaa,Zimbaabuwwee,Keenyaa Toogoo fi Morookootti dorgoma.

Kubbaa Miilaa
Gabayaan ijoollee Afrikaa ta Awurooppaatti kubbaa miilaa taphatanii ooowwaa deemuutti jirtiif.Jara kana doolara miliyoona hedduutiin bitachuutti jiran.

Gurbaan dhalootaan Aljeriyaa Faouzi Ghoulam kilabii xaliyaanaa S.S.C Napooli taphatu fi gurbumma Aljeerjiaa kilabii Ispaayin Grandaa taphatu, Hassan Yebdaamma kilabii Xaliyaatti fudhate.

kilabiin Faransaay Monaakoolleen, gurbaa dhalootaan Tuniziyaa Aymen Abdenour ergifatte. Gurbaan Naayjeeriyaa Kilbii Russiaa Locomitive Mosko taphatu,Victor Obinnaalleen kilabii xaliyaana Chievo Verona ergifatte. Jara kana horii miliyoon ahedduutiin wal irraa bitachaa kaan ergifachaa yaahan.

Super Bowl bara 2014
Dorgommii,Super Bowl kalee galgalaa irratti Seattle Seahawks Denver Broncos walti hafe waancaa taphate. Dorogommii Gurrandhalaa 2, 2014 taphatan tana kilabii Seattle Seahawkistti kilabii Boronkoo ta Denver,Koloraadoo 43-8 moohee waancaa fi badhaasa akka akkaa fudhate.

Kilabii Seattle,SeaHawk tSuper Bowl 2014 mootetti akkana gammada
Kilabii Seattle,SeaHawk tSuper Bowl 2014 mootetti akkana gammada
Super Bowl dorgommii kubbaa miilaa Amerikaa harkaa fi miilalleen taphatan.Dorgommii kilabootii 32 haga ganna tokkoo taphachaa dhufanii warrii walti hafe waliin taphattu.





please wait

No media source currently available

0:00 0:07:16 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG