Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oloompikii Raashiyaa ,Magaalaa Sochii Atileeotii 3000 Olii Cabbii Irratti Waldorgoman Ya Jalqaban


Addunyaan Oloompikii lama qabdi;Oloompiki bonaa fi gannaa ,Winter Olympic fi Summer Olympic jedhanii wal dorgoman.

Dorgommiin gannaa Winter Olympic haga guddaan biyyiti cabbi keessa jiraattu irratti waldorgoman tun tana waliin marroo 22essoo.Atileetota biyyaa 88tti ispoortii gosa 16tiin wal dorgoma.

Amerikaan dorgommii tanaa atileetota 230 ergatte .Dorgommii tanaa madaaleyaa warqii 98 waliin madaaleyaa 290 tahutti badhaasaaf lafa jira.

Atileetota Amerikaan qopheeffattee keessaa 14 nama akka Shaun White, Shani Davis,J.R Celski, Hannah Kearny fi Tim Burke fa badhaasa guddaa eegatti.

Dorgommii tana qopheessuuf doolara biliyoona 50 caalaatti itti bahe. Baniisa isi ka hardhaatti nama kuma 40tti dhufee daawate.

Gama kaaniin ammoo USA warrii biyya nagaa dhowwu jetteen dorgommii tana irralleetti balaa buusuuf qophii jiraa ufi eegadhaa jettee dhaamtee eegumsa jabaa jala jirti.

Magaalaan Sochii dorgommii tana itti qopheessan km 3,505 ballattii nama dhibba 340 tahutti keessa jiraataa, garba gurraacha Black Sea jala jirtii guyyaa 16 dorgommii tana qopheessiti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG