Xurree ittiin seenan

Teknooloojii Qonnaa 11n Kanaan Hojjannaan Bu’aa Harka 67 Taatu Argachuu Dandahan Jedha Gabaasii IFPRI Baase

  • Soraa Halakee

IFPRI,International Policy Research Institute, dhaaba qorannoo Amerikaa DC, waajjira guddaa qabu. Baruma baraan hujii qonnaa qoratee waan arge ummatatti hima.

Nama addunyaa ka wal horuma horee lafa guutee ganna 36n duubatti biliyoona sagal tahuuf deemu,qallabuuf teknooloojii qonnaa dansaa qabaachuu wayyaa jedha.

Roobii dabartellee ogeeyyota qonnaa hedduu NEWSEUM,DC jirtutti marii yaamee mala gati midhaanii diqqeesanii,midhaan addunyaan haga guddaan oobrattu; baadallaa,boqqoolloo jechuu,qamadii fi ruuzii akkamiin akka teknooloojii qonnaatiin oobrachuu irraa bu’aa guddaatti argama jedha.

Marii tana Baankii addunyaa,dhaabbilee mootummaa hin tahin,warra seera qonnna addunyaa qoratu,Tokkummaa Mootummootaa,miistitii haajaa alaatii fi hedduutti itti dhufe.

Mala teknooloojii qonnaa 11n Institiyuutiin IFPRI qoratte akka dansaan ittiin hojjannaan midhaan qaban harka 67n namaa dabala jette;Crop protection ykn eegumsa midhaaniiti.Tana jechuun bineessa akka raammoo,bombii fi aramaa hamtuu jabeessanii midhaan irraa dhowwuu.

Falii lammeessoo Drip Irrigation jedhan;kun ammoo akka bisaan midhaanitti baafatnai hin qancarsine irraa dhowwuu.

Malii itti aanu sanyii bona dandamattu qabaachuu.Midhaan akkanaa qabaachuun akka midhaan bokkaa diqqaallee guddatanii afaan nama gahan tolcha.Falii kun biyya Jiddu Gala Bahaa,Latin Amerikaa fi Caribbeaniifi gammoojjii Afrikaatii tola.

Keessumattu biyyitii baadallaa(boqqoolloo) qabaachuu addunyaatti tokkeessoo taate USA fi Chaayinaa akkanatti hojjannaan midhaan akkanaan deemnaan midhaan argattu irratti harka 13 dabalatti.

Tana irratti qamadii ykn dargaayyee oowwa dandamataa qabaannaan midhan kun waan silaa argatan irratti harka 17 dabalmaaf.

Malii teknooloojiin qonnaa Insitituutii tun jettu kaan, midhaan oowwa dandamataa qabaachuu,facaafachuu.Midhaan fkn lafa oowwaa keesalleetti bahuu dandahaa.Malii qonnaa kun ammo North Amerikaa,Amerikaa Kaabaa ta USA,Kanadaati fi Asia gama Kibbaatii haga guddaan tola.

Biyyee gabbattuu qabaachuulleen ammoo qabaachuulleen mala jedhan keesaa tokko.Wannii biyyee gabbisaa xaahoo qilleensa naannootii taatu fi humna jara facaafatuulleen walii taatu fa.

Baala miidhanii,balkii midhaanii,cidii fi kosiilleen xaahoo tahan.Malii itti aanu akka laftii qilleensa Nitrogen jedhan barattu tolchuu ykn xaahoo lafaan walii taatu qabaachisuu fa.

No-Till,kunilleen mala dhaabii kun rakko nama baasa jedhe keessaa tokko.Malii kun mala akka bisaan biyya keessaa hin banne tolcha.

Akka biyyeen bisaan qabachu dandeettttu tolcha.Midhaan marsaa marsaan facaasuulleen tanuma keessa.Malii akkanaa kun jallisiillee dabalee haga guddaan biyya gammoojji Sahaaraatii gaditi faaydaa guddaa qaba.

Sanyii filatamtuu,horii sanyii qoortii qabaachuulleen rakko nama baasa.Falii dhbiin ammoo ka ingiliffaan Precision Agriculture jedhan.Malii kun mala karaa saayinssiitiin midhaan qorannoo facaasan.

Malii 11essoon ammoo lafa ciisa bisaanii qabdutti ykn ammoo lafa oobruu toltutti midhaan faacasuu.Lafti hagii tokko adaala, hagi tokoo biyyee boora,hagii tokko khootichaa,hagii tokko biyyee diimtuu. Tana keesaa tamti bisaan qabatee bisaan baasaa jedhanii maasaa jaarrachuu.

Malii amma jenne kun hagii tokkoo ka biyya guddattee hojjatullee saayinsii fi teknooloojiin baranaa,beekumsii qonnaa dansaan,sanyii filatamuu fi sanyii horii qoortii qabaannaan malii qonnaa kun fuluma cufatti hojjata.

Falii teknooloojii qonnaa kun akka gabaasa IFPRI baadallaa ykn boqoolloo irraa bu’aa harka 67 argachiisa.Bu’aa qamadiitii fi ruuziillee harka 20 dabala.
XS
SM
MD
LG