Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Olompikii Bara 2014tti Madaaliyaa 33 Argattee ,USA,28 Argatte Biyya Hedduutti Dhaba Gale


Dorgommii Olompiki Raashiyaa ta baranaa biyyitii 88 irratti wal dorgomaa baate Raashiyaatti madaaleyaa 33,ka 13 warqii argatee mootee USA ammoo warqii 9 argatte.Noorweey warqii 11, Kanadaan warqii 10,Nezerlandis warqii 8,Jermaniin warqii 8,Austriyaana warqii 4 walumattu warqii 100 olitti badhaafame.

Dorgommii dooalarii biliyoona 50 itti bahe jedhan tana torbaan lamaa oliif magaalaa Sochiitti dorgomaa bahan. Atileetota 3000 tahanitti irratti wal dorgomaa bahe.
Walumattuu dorgommii tana irratti biyya 30 caalanitti madaaleyaa womaatuu dhabee duwwaa gale.Olompikii gara 2018 Kooriyaa Kibbaatti qopheessa.

Dorgommii atileetiksii:
Gama kaaniin ammo atileeotii Oromiyaa maratoonii kalee km 21 Gurrandhalaa 23,2014 Finfinneetti qopheessan dhiiraan tokkeessoo dubraan ammoo lammeessoo taate.Oromiyaan dorgommii guutummaa Itoophiyaa torbaan lamaan duubatti jalqabaniif qophi jirti.

Atileeotii Keeneyaa ammoo fiigicha km 10 kalee Puerto Rikootti dorgoman 1-5 bahanii moo’atan.

Atileetoti Oromiyaa fiigicha km 21 kalee Finfinenetti dorgoman moohanii dorogmmii Guutumaa Itoophiyaa trobaan lamaa fi wayiin duubatti Bahri Daritti dorogmnilleef qophi jiran.

Dorgommii Kilaboota Kubbaa Miilaa:
EPL,Englsh Premiere League, dorgommii kilaboota kubbaa miilaa Ingiliizaatii eegii jalqaanii torbaan 27 keessa jiranii kalee qofa goolii 28tti gale.Arsenal Sunderland 4-1, Hull Cityn Cardiff City 4-0,Liverpookl Swacnity 4-3, West Ham Southampton 3-1 mootattee akkna jejjechaa gooliin goolii 28 galte.

Akka kilabiitti, Chelseatti goolii 60, Arsenal goolii 59,ManCity goolii 57, Liverpool 56 fi Tottenham goolii 50n shaneessoo jirti.

Dorgommii La Liga ammoo eegii jalqabanii torbaan 25 keessa jiranii Real Madirid goolii,63,Barselona 60,Atletiko Madrid 60, Atletik qabxii 47 fi Real Sociedad qabxii 43 faana jira.Tapahee kalee irralleetti goolii sagalitti galee,Riil Maadrid Elchee 3-0, Riil Sosoodaad Barselona 3-1n moote.

Serie A keessaa ammoo Juventus goolii 66, Romaan goolii 57,Napooliin 50, Intermilan ammoo 40. Dorgommii Bundsliigaa eegii jalqanii torbaan 22 keessa jiranii guyyaa dheengaddaa qofa goolii 27tti gale.Hamburger SV Dortmund 3-0,Bayer Munich Hannover 96 4-0.

Dorgommii kilaboota Faransaay Ligue 1 eegii jalqabanii torbaan 26essoo keessa jiranii warri goolii hedduun gachuun tokkeesoso Ibrahomovihc goolii 22,Edison Cavanii goolii 13,Alexander Lacazetelleen goolii 13 galchee Edisoniin wal qixxee.

Rio Open,dorgommii Teenisii Addunyaa:
Dorgommii Teensii Addunyaa ta Rio Open jedhanii,Rio de Janeiro Biraazitti taphacaa bahan 62essoo atileetii Ispaain Rafahel Neadalitti moo’ee badhaasa dooalra kuma 320 dhiyaattu badhaafame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG