Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabii Gargaarsaa 'Doctors without Borders,' Hospitaalii Suudan Kibbaa Akka Hamaa Gubatee,Saamamee Jedha


Suudan Kibbaa hardhallee biyyuma waraanaati.Waraana mootummaatii fi ka mootummaa kanaan wal hadhuutti jirutti akkana wal lola.

Akka dhaabii gargaarsaa Doctors without Borders jedhutti milishootii Suudan Kibbaa hospitaala saamanii namallee siruma hospitaalaa keessatti fixanii, mi’aa hospitaalaallee gubanii balleessan.

Lafa akkana namii itti dhumate keessa tokko Malakalii achitti reeffa nama 14 arganii argan keessaa nama haga tokkoo siruma hospitaalaa keessatti fixan.

Malakaliin tun teessoo mootummaa godina Upper Nileti,lafa waraanii mootummaatii fi milishootii keessatti wal hadhan.

Jarii wal hadhu kun ji’a dabre keessa lola dhaabna jedhee Finfinenetti waalii galullee sun akka jedhanitti hin taane.

Itti gaafatamaan Tokkummaa Mootummootaa damee gargaarsa ilmaan namaa Toby Lanzar, godinii keessatti wal hadhan Upper Nile rakkoo hamtuu keessa jiraa jedhee laaluuf achi dabre.

Dubbii bulchootii Suudan Kibbaa siyaasaa irratti wal dhabanitti akkana nama walti kaasee waraana biyya isaaniillee lamatti baasee wal aasisa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG