Xurree ittiin seenan

Siidaan Yaadannoo Oromoota Aanoleetii Fixaniif Dhaaban Falamaa Uume

  • VOA

Godina Arsii naanoo Ixxoosaa,Aanoleetti Oromoota jabana Minilik keessa harkaa fi harma irra ciran qaabachuuf muuziyeemii fi siidaa/sooddaa jaaramee eebbisiisuuf qophiitti jiran.

Siidaa fi muuziyeemii tana mootummaa naannoo Oromiyaa, Biiroon aadaa Tuurizimii Oromiyaatti qarshii miliyoona 20 itti baasee hojjate.

Akka Itti gaafatamaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obboo Mohaammad Jiloo jedhutti achi qofaa miti Adaamaa,Calanqoo fi naannolee Oromiyaa ta akka akkaalleetti Siidaa/sooduu hedduutti Oromoof jaaramuutti jira.

MEHAD,Paartiin Guutummaa Tokkummaa Itoophiyaa Siidaa Aanolee harmaa fi harka muraa agarsiisu jaaruun akka namii haaloo walti qabatee jiraatu tolchitii jetti.

Perzdaantiin paartii MEHAD,obboo Abeba Mehaariiti.“Minilik Itoophiyaa tokko tolchuuf hujii jabduu hojjate.Warii tana dhiisee maqaa hamaa kenneefii waan hin tahin taatee jedhee dubbatu waan qajeeltuu natti hin fakkaattu.Akka seenaa sun irra deebi’anii qoratani fedhaa itti dhaamas. Ummatii Oromoo akka siidaan kun hojjatamu hin fedhu.”

Itti gaafatamaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Mohaammad Jiloo ammoo Oromoo fi mootummaan Oromoo aadaa saba isaa galmeessee,waan ummatii keessa dabre barsiisuuf malee haaloo qabachuufii miti jedha.

Jarii federaalismii saba irratti hundaahee jedhee dubbatu kun jara afaan keennaan barachuu keennaayyuu hin barbaanne waan taheef siidaa dhaabuu kana falmuun isaanii ajaa’ibaamiti jedha.

“Namoottan ilaalcha sirna durii qabanti kana morma…waan raawwatame maaliif ummatatti mullistan kanneen jedhan. Sirna durii san deebisuu fedhan federalizimiin, federalizimii gosaati jedhan.Kana jechuun mirgii ummiti qabu ka ufiin ufi bulchuu kun jiraachuu hin qabu waan jedhaniif…siidaan ijaaruu dhiisi mirguma ummatii argte kanaayyuu mormaa waan jiraniif kun waan nama ajaa’ibaatii miti.”

Mootummaa naannoo Oromiyaatii fi Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa seenaa sirnii cuqunsrsaan ummata keessa dabarse jedhan agarsiisuuf godinaallee Oromiyaa hedduutti siidaan akkanaa ijaaramuutti jiraa jedhan.
XS
SM
MD
LG