Xurree ittiin seenan

Gabaasaa Mirga Dhala-namaa bara 2013, ka Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsiin Bahe

  • VOA

Haala qabinsa mirga dhala-namaa biyyyoota Addunyaa iratti gabaasaan Yunaayitid Isteets waggaa waggaatti baastu ka marsaa ammaa dhiheenya ifa bahe.

Mootumooni biyyoota Addunyaa hedduun, mirgawwan dhala-namaa irra dhiibbaa kaayaa jiru, jedha gabaasaan kun. Biyyoonni dhiittaa mirga dhala-namaa geggeessuutti qeeqaman kunis, kanneen sabatiinsa siyaasaa hin qabnee fi sirna mootummaa abbaa irree jalatti qabamanii jirani – jedha – gabaasaan kun.

Waggaan dabarsine kun, jechuun, barri 2013 bara fixiinsi fi dhiittaan mirga dhala-namaa hamaan itti geggeessaman ta’uu ka dubbatu, gabaasaan Ministirii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets kun, Sooriyaa, Ripublikii Afrikaa Waaltaa, Maalii, Somaaliyaa fi naannoolee ka biroon waraansa keessatti lubbuu dhabaa, hariyatamaa, mirga isaanii mulqamaa lubbuu isaanii dabarsan – jedha.

Addunyaa kana irrati biyya haalli qabinsa mirga dhala-namaa baay’ee keessatti hammaataa dhufe - Sooriyaa keesatti, ka bara dabre mormii fi qabsoon hidhannoo jeeqe – Mootummaan Bashaar Alasaad, lammiwwan biyya isaa irratti Gaazii Saariin ka dhala-namaa jimlaatti fixurri gargaaramee jira – ka jedhu, gabaasaan mirga dhala-namaa Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsiiin bahe, haleellaa sanaan, ijoollee 426 dabalee lammiwwan biyyattii kumni tokkoo fi dhibbi afur dhumuu isaanii dubbata.

Ministarri Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Joon Keerii, biyyoonni dhiittaa mirga dhala- namaa geggeesan dhimmicha kallattiidhaan ilaaluu irra, waa’ee dantaa Yunaayitid Isteets dursanii dubbachuu tu itti miijaaaf jechuun qeeqan.

Biyyoota Gaanfa Afrikaatti ennaa fuuleffannu immoo, Itiyoophiyaa, Ertiraa fi Somaaliyaan akkasumas ka gar-tokkeen ishee godinaa sana keessaa jiru – Sudaan Kibbaa dhiittaa mirga dhala-namaa gegeessuun isaanii galmeessamee jira.

Mootummaan Itiyophiyaa, bulchiisa naannoo keessatti ajjeechaa seeraa-alaa geggeessuu isaa fi hordoftoonni amantii Islaamaa fi mormitoonni siyaasaa seeraa-ala hidhaman keessaa mana hidhaa keessatti du’uu isaanii ka galmeessee qabu ta’uu dubbata – gabaaasaan mirga dhala-namaa Yunaayitid Isteets kun.

Lammiwwan Itiyoophiyaa bakka-buuteen isaanii hin beekamu, kan jedhu – gabaasaan mirga dhala-namaa – Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets kun, baatii Amajjii dabre keessa, bulchiisa naannoo Tigiraay, magaalaa Alaa-maaxaa keessatti manneen-seeraa ala diigamuu namoonni morman achi-buuteen isaani akka hin beekamne dubbata.

Itiyophiyaa keessatti namoonni seeraa-ala qabamanii hidhaman heddummaachaa deemuu, haalli mana-hidhaa keessaas hamaa tahuu ka dubbatu – gabaasaan kun, mana-hidhaa keessatti tajaajilawwan bu’uraa dhala-namaaf guutamuu qaban, kanneen akka qulqullinaa, dahoo fi nyaataa hin guutamne. Mannneen hidhaa keessa wal-muddinsa namaa guddaa tu jira.

Hidhamaa tokkoof – nyaata isaa, bishaan, qulqullinaa fi dahoo isaa, akkasumas wal’aansa fayyaa isaa dabalee baajetni guyyaa tokkotti ramadamuuf qarshii saddeet ta’uu illee beeksisee jira.

Mirga yaada ofii dubbachuu, mirga mormii polotikaa gegeessuu fi mirga dhuunfaa ilaalchisuunis haalawwan hedduu irratti Mootummaa Itiyoophiyaa qeeqee jira – gabaaasaan mirga dhala-namaa ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets.

Manneen-murtii dhiibbaa motummaa irraa walaba ta’anii hojjechuun isaan rakkisa yeroo jedhamutti hidhamtoonni polotikaa akka baay’achaa deeman dubbata.

Bara kuma lamaa fi kudhan keessa,Koreen Farra-Dararaa ka Rokkummaa Mootummootaa yaaddoo guddaa qabaachuu isaa ibsuun akka beeksisetti --- Poolisoonni qorannaa geggeessanii fi qondaalonni basaasaa, akkasumas miseensonni waraanaa -- wanna gaafatan hidhamtoota amansiisuuf jecha, waaltaa Boofata qorannaa yakkaa FINFINNEE jiru ka MAA’IKELAAWII jedhamu keessatti dararaa qaamaa irratti geggeessan.

Kanneen dararaan kun irratti geggeessamu mormitoota siyaasaa fi miseensota dhaabota mormituu, barattoota, kanneen shororkeessummaatti shakkamanii fi kenneen miseensota dhaabota mormitootaa lola qawwee geggeessan - akka Adda Bilisummaa Biyyolessaa Ogaadenii fi Adda Bilisummaa Oromootti shakkamani.

Gochaaleen dararaa akkanaa walii-galtee qondaalotaaa fi itti-gaafatamtoota buufatoota poolisii, ka manneen hidhaa fi ka waraanaa gidduu jiruun geggeessama. Gochaaleen akkanaa, bara dabre kana illee ittuma fufee jira - jedha - gabaasaan mirga dhala-namaa ka Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets.

Manni-murtii Muummichi,ka Federaalaa -- bara 2012 keessa, murtii yakkaa, “Motummaa gargalchuu yaaluu fi uummata hookkaraaf kakaasuu” - jedhuun -- hoogganoota paartiilee polotikaa Oromoo bebbeekamoo lama - Obbo BEQQELEE GARBAA fi Obbo OLBAANAA LEELLISAA irratti, Mana-murti ol’aanaan dabarsamee ture irraa hin kaasiin hafe - ka jedhu - gabaasaan kun, garuu yeroo hidhaa ka BEQQELEE GARBAA waggaa saddeeti irraa gara waggaa sadiitti, kan OLBAANAA LEELLISAA immoo waggaa 13 irraa gara waggaa 11-tti gad-buusuu isaa dubbate.

Akkasumas -- Manni-murtii ETHIOPIA --- “Daangaa abbaa-biyyummaa ka siyaasaa fi lafaa diiguuf shirtan” - jechuudhaan, bara 2011, dhaddacha ka biroo irratti -- miseensota paartiilee mormituu Oromoo 69 irratti yakka muruu dubbata.

Baara dabre, baatii AMAJJII keessatti lammiwwan Oromoo fi SOMAALEE gidduutti waa’ee daangaa fi abbummaa lafaa irratti walitti-bu’insa uumame irraa kan ka’e -- aanaalee Oromiyaa akka Gursum, Mayyuu, Qumbiifi Cinaaqsan irraa namoota kuma shantamii shan tu manaa fi qehee isaanii irraa buqqa’ee haga ammaatti illee otuu hin deebisamiin jira - jedha - gabaasaan Mirga dhala-namaa Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets kun. Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.
XS
SM
MD
LG